Caamsaa 2,2017/ Godina Arsii Aanaa Sireetti dubartoonni fi Daa’imman ji’a ji’aan Qarshii 10 irraa eegaluun akka maallaqa qusattan jettee dirqamsiisaa jirti.Aanaa Siree Gandoota hunda keessatti daa’imman ammarraa eegalanii maallaqa qusachuun gaafa barnoota xummuran akka hin rakkanneef haadholiin daa’immanii fi daa’imman akka dirqamaan maallaqa kuusatan taasisaa jirti
Kana malees Godina Arsii Aanaa Siree Magaalaa Siree keessatti Wayyaaneen Ummata Baadiyyaa hanga Magaalaatti Haaromsa gadi fageenyaa jett
ee Walitti qabuudhaan Ujoollee teessan keessattuu dargaggoota warri qabdan ganda gandaan Maqaa Ujoollee teessanii galmeessitanii akka waajjiroota Bulchiinsa gandaa keessa keessiftan.Warri Ujoolleen teessan Nuti Qeerroodha Jedhanii Kaayyoo ABO galmaan gayuuf tattaafatan Maqaa isaanii addatti Milishoota Gandaatif kennitanii Qaama mootummaatiin leenjiin akka kennamuuf taasifna jettee maatii Qeerroo doorsisaa jiraachuu Maddeen Oduu Qeerroo naannawa siree gabaasanii jiru.
