Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Bushooftuutti Barattoota doorsisaa jiru. Bulchiinsa Magaalaa Bushooftuu Manneen Barnootaa Gandoota hunda keessatti wayyaaneen barattoota hojii baruuf barsiisuu dhaabsisiiftee doorsisaa jiraachuun dhagayameera.Wayyaaneen barattoonni Fincila kaasu jettee sodaa guddaa keessa waan jirtuuf barattoonni kamuu akka hiriira kamirrattuu hin hirmaanne jettee barattootatti roorrisaa jiraachuu Qeerron naannawa Bushooftuu gabaasee jira