Godina Arsii Aanaa Jajuu Ganda Utaamoo Doojjee keessaa jiraattota hidhamaa jiraachuun dhagayamaa jira.Ebla 20/2017 Ganama naannoo saa’atii 3:00 irratti humnoonni kumaandi poostii jiraattota gandoota Aanichaa keessaa walitti qabee gara Asallaa Fe’uu isaa maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa Gabaasanii jiru.akka gabaasa kanaatti sababaan namoonni kuni guuramanii hidhamaniif isin.Isin miseensotaaf deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo ABOti Isin Miseensota ABO ta’uuf ragaan waan ujoollen teessan dalagaa jirtu jechuun namoota lakkoofsi isaanii hedduu guuranii deemuniin himamee jira.namoota ammaaf maqaan isaanii nu bira gahee keessaa 1,Araba Muhaammad 2,Ahmad Aloo, 3, Nashaa Turee 4, Firoomsaa H/ Kadiir 5, Shibbiruu Dabalaa 6, Kimoo Muhaammad kanneen jedhaman keessatti argamu.