Ebla 26,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti rakkoon dhaaba keenyaa bulchiinsa gaaridha rakkoo bulchiisa gaarii hiikuuf qophii jirra.isinillee dargaggoota fi namoota kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO galmaan gayuuf maqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun wal gurmeessanii Socho’aa jiran uf keessaa baaftanii akka mootummaaf kennitan mootummaan dargaggootaaf haala mijeessee jirurratti akka hirmaatan leenjifnee hojiitti galchuu barbaannaa jechuun Ummata mirga dhabeefi bilisummaa biyyaatif qabsoo godhaa jiru afaan faajjessaa Oolanii jiru.jedha Odeessi Qeerroo Aanichaa irraa arganne.
Gama biraan Godina Arsii Aanaa Muneessaatti Kaabinoonni mootummichaa itti gaafatamaan abbaa taaytaa galiiwwanii aanichaa Obbo Caalaa Tulluutin
durfamu maqaa hubannoo timaama galii gibiraa jechuun daldaltoota fi jiraattoota walitti qabuun guyyoota hedduuf ergaa siyaasaa isaanii
dabarfataa turame har’a xummurameera.

