Ebla 21,2017
Godina Arsii Magaalota gara garaa keessatti waraanni mootummaan Wayyaanee TPLF bobbaafte karaa hundaan ummata nagayaa hiraarsuu itti fufee jira.Ebla 20/2017 Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiqaa keessatti waraanni feederaalaa halkaniin Hoteela Abbaan qabeenyaa Caalaa Guutamaa jedhamu seenudhaan ummata nagayaarratti reebicha hamaa raawwachuudhaan namoota lakkoofsi isaanii hedduus mana hidhaatitti guuruun dhagayamee jira,karaa biraatiin Abbaa Qabeenyaa kana jalaa maallaqaa Qarshii kuma kudha sagal 19000 saamuun abbaa qabeenyaa kanarraanis miidhaa gayuun isaanii gabaafamee jira.