Ebla 16,2017/Sirni kabaja guyyaa Gootota Oromoo godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti akkasumas gootowwan Qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa keessaa walitti dhufuun Eebili 15 haala akkaan ho’aa ta’een kabajamee ooluu Qeerroon leeqaa gabaase.
Haaluma kanaan ayyaanni guyyaa gootota Oromoo kun bakkeewwan magaalaa Naqamtee keessaa naannoo hora hadiyyaa fi naannoo mooraa yuunversiitii Wallaggaatti gootowwan qeerroo yuunversiitii Wallaggaatiin kabajamee akka oole maddeen Qeerroo leeqaa ibsanii jiru.Akkasumas hora soorgaa fi naannoo tulluu koomtoo jedhamuttis gootowwan Qeerroon leeqaa baatii Eebilaa guyyaa seena qabeessa kana kabajatanii akka oolan jaallan Qeerroon Leeqaa eeranii jiru.
Gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiraatan akkasumas qeerroon yuunversiitii Wallaggaa ayyaana kan bara kanaa yeroo kabajatannitti jalqabarratti sagantaa isaanii eebbaan tokko jechuun eegalan.Itti aansuunis haasaa fi marii waa’ee guyyaa seena qabeessa Eebila 15 guyyaa wareegamtoota gootota Oromoo irratti karaa gootowwan Qeerroo Leeqaatiin daqiiqaa 20f mariin akkasumas haasaan akka godhametu himame. Addattimmoo ayyaanni baatiin eebila 15 maaliif akka kabajamuu fi guyyichi maal akka ta’e irratti bifa seenaatiin barruun qindeeffamuun gootowwan qeerroo leeqaatiif akka ibsamee fi dubbifamee ooletu addeeffame.Sirni marii fi haasaan akkasumas seenaan guyyichaa erga gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteef dubbifamee boodas dhumarrattis sirna dungoo qabsiisuu fi yaadannoon wareegamtootaaf karaa Qeerroo Leeqaatiin akka taasifametu ibsame.Sirna yaadannoo fi dungoo qabsiisuutti aanees gootowwan qeerroon bilisummaa Oromoo magaaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessaa walitti dhufan gootowwan Qeerroo yuunversiitii Wallaggaa waliin ta’uun erga sirna kabaja guyyaa goototaa fi sirna yaadannoo taasisaniin booda waadaa isaanii akka haaromffachuudhaan saggantaa isaanii xumuranii akka oolan maddeen qeerroo magaalaa Naqamtee gabaasan.
Bifa biraan guyyaan yaaannoo Ebla 15 Yuuniversitii Jimmaa keessattis bifa addaan kabajamee jira.

