Ebla 11,2017/ Dhiyeenya kana mootummaan Wayyaanee baha Wallaggaa Waayyu Xuqaa keessatti tajaajila bishaan dhugaatii isinii galchina jechuun gowwomsaa guddaa hawwaasa naannoo Moloo, Guftee, Oddoo, Burqaa,keessa jiraatan sossobuuf yaalaa ture. Warraqsa hawwaasaa itti dhaamsuuf bishaan guddaa laga Waamaarraa tubboon hidhamullee tubbii laastikaa irraa hawwaasa ittiin sobachuuf kan yaale waa daddabarsuuf yaalullee onoota Sana keessatti erga gaafa galee qabee utuu guyyaa tokko hin turin dhohuun uummatni hanga waan dhugy dhabutti gahee jira. Ololli miudiyyaarraa dubbatamuuf waan arginu Marti wal qabachaa hin jiru jechuunis komataa jiran.
Oduu dabalataan ona kana keessatti lafti utuu kidhaan baasuu dirqamaan xaa’iibittu jechuun hawwaasa dhiphisaa jiran. Gochaan Xaa’oo
humnaan uummatatti gurguruuf yaaluu kun naanoo sanarraa hiixuu kan taate Waamaa Hagaloo bakka Akkoonaa jedhakuttis uummataa dirqamaan bitadhaa jechaa jiraachuun himame.