Mootummaan TPLF Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa Oromoota hedduu qabuun himannaan irratti bane.

Ebla 9,2019 /Godina Arsii lixaa gandoota Aanaa Adaabbaa keessatti loltooti TPLF Oromoota hedduu walitti qabanii hidhuun dararaa jirturratti himannaa dharaa irratti banuun,Manca’uu qabeenya qarshii Miiliyoona 3O Oliitin himattee jirti,

Maqaan Ilmaan Oromoo Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa qabamuun himannaan dharaa murna bicaa Wayyaaneetiin irratti banamuudhaan mana murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha kibbaa magalaa shaashamanneetti,yakki himannaa seeraa bara 1996 bahe keewwata 32(1A,B)fi 239 darbitanii jirtu jechuun himannaan isaanirratti baname

  1. Adam Yaassin H/ Waadoo Qonnaan bulaa ganda Laajoo
  2. Wubushet Hayla Mikaa’el Qotee bulaa ganda Laajoo
  3. Ganna Hasan Waaqoo Qotee bulaa ganda Laajoo
  4. Abbuu Huseen Fatoo Qotee bulaa ganda shaayaa jibboo
  5. Huseen Jaanoo Guyyee Qotee bulaa ganda Buuchaa
  6.  Umar Abdii Kadiiroo qotee bulaa ganda Gadeedoo
  7. Awwal Qaasim Amboo daldalaa Aloolaa
  8. Muhaammad Amaanoo Caaccoo qotee bulaa ganda gadeedoo
  9. Abdurrahmaan Umar H/ Tolaa qotee bulaa ganda Huxee Aloolaa
  10. Abdulkariim Abdullaahii Anfootee qotee bulaa ganda Huxee Aloolaa
  11. Awwal Huseen Taatoo qotee bulaa ganda Huxee Aloolaa
  12. Kiyaar Usmaan Subii Ganda Haqoo irraa
  13. Mulgeetaa Dirribaa Ejersaa Ganda Leencaa Waashoo ta’uu isaanii Maddeen keenya
    gabaasnii jiru

 

Leave a comment