SABBOONUMMAA  LAMMAA MAGARSAA FI  HUJUMMOO OLOLA ISAA(TPLF)

GUCA QABSOO OROMOO IRRAA

Image result for lamma magarsaPeresdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa namni Lammaa Magarsaa jedhamu baatii kana guutuu maal hojjechaa akka jiran hundi keenyayyuu ni beekna .daandiin qabsoo isaan qabatanii adeemaa jiranis uummata oromoof ifaaf ifatti mul’ataadha.Of kuuluu fi of mul’isuun isaaniimmoo uummata oromoo bukkeetti maal fakkaataa jira isa jedhuuf dubbiin kun dubbii jabduudha.Ifaajiin peresdaandaantiin mootummaa naannoo oromiyaa yeroo ammaa uummata oromoof waan qabsa’aa jiru of fakkeessuun jechoota kukkuulee  dubbachuudhaan uummata oromoo hundaa oliif gadi dha’aa jira.Dubbiin lammaan magarsaa amma deemaa jiruuf dubbii qoosaa fakkaata malee waan qoosaa miti.Jechoonni lammaan magarsaa yeroo ammaa waltajjiirra taa’ee dhaadachaaa jiru  uummata oromoo heedduu gidduutti wal falmii uumsisaa jira.Haa ta’uutii lammaan magarsaa  warruma kaleessa harka lafa jalaan akka waan uummata oromoof qabsa’anii of fakkeessanii uummata oromootti boolla qotaa turanii Wajjin adda miti  dubbiin kun.Karaa tokko dubbiin lammaa magarsaa yeroo jechoota dammaan makaman dubbatu uummata oromoo bukkeetti waan jaallatamaa jiru itti fakkaata.karaa tokkommoo dubbiin inii lafa jalaan uummata oromoo irratti raawwachaa jiru dhiibbaa garboonffattoonni kaleessa uummata oromoo irratti raawwachaa jiraaniin alatti hoomaayyuu jijjiirama tokkoyyuu hin qabu. Peresdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa lammaan magarsaa yeroo ammaan kana adeemsa inni deemaa jiruuf dhugaa dubbachuuf taanaan gaaffii uummanni oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuuf gaafachaa jirutti bishaan facaasee uummaticha gidduutti holola dharaa facaasuudhaan bara bittaa isaa uummata oromoo irratti dheereffachuuf ifaajii gochaa jira.Gaaffii uummata oromoo awwaalee faajjii kijibaan uummata oromo afanffajjeessuuf shira xaxaa jira.Murni aangoo afaan qawwee fi aanggoo humnaan bixxilamte opdon yoomiyyuu uummata oromoo bakka hin buutu.Lammaan magarsaa nama dhugaan uummata oromoof qabsa’aa jiruudhaa?jennee tokkoon tokkoon keenya yoo sammuu keenya keessatti of gaafanne kun soba. Peresdaanttiin mootummaa naannoo oromiyaa obbo lammaa magarsaa haasaan isaanii yeroo ammaa irra caalaan isaa dhimma oromummaa fi sabboonummaati malee dhimma rakkoo uummata oromoo furuu irratti kan xiyyeeffatu miti.Karaa biraanimmoo dubbiin isaanii of fakkeessiidhaan uummaticha sobuudhaan yaada uummatichaa hatanii ittiin garboomsuuf sochii gochaa jiru. Bitamtoonni mootummaa abbaa irree wayyaanee kaleessas guyyaa mooraan qabsoo bilisummaa oromoo hundeedhaan ititee daran jabaachuudhaan shira isaanii addaan bittimsaa tures yeroo hundeen aangoo isaanii arkatti fashaluuf yaalu holola dharaa qindeeffatanii uummata oromoo gidduutti bittimsuudhaan mooraa qabsoo bilisummaa oromoo kan gootowwan qeerroo bilisummaa oromootiin durfamu addatti mmoo kutannoo fi cichoominaan kan dirree falmaa irratti argamu ABO irratti shira gandummaa fi lagaa gadhiisuudhaan uummata oromoo gidduutti afanffajjii uumaa turaniiru.

….

Har’as diinonni mootummaa wayyaanee fi gantoonni kanneen garaaf jecha uummata isaaniitti diina ta’an wayyaaneedhaaf dugugguuruu dugdaa ta’uudhaan uummata isaanii irratti ba’aa garbumaa dheeressuuf kanneen halkanii guyyaa dhama’aa jiran hin dhabamani.Gantoonni kuunneen yeroo baayyee kan isaan ittiin beekaman keessaa of kuuluu fi jechoota minya’aa ta’an uummata oromoo irratti gad lakkisuudhaan uummaticha bukkeetti of fakkeessiidhaan fudhatamuuf  caraaqii gochuudhaan beekamu.Uummanni oromoo yeroo ammaa kanneen dhugaan isaaf qabsa’anii fi kanneen hin qabsoofne adda baasee beeka.Diinaa fi fira isaas sirriitti hubatee beeka.Kanarra darbees uummanni oromoo akkuma kaleessaa shiraa fi holola diinotaan kan addaan tokkummaan isaa bittinaa’uudhaa jennee yoo yaanne kun soba dhugaa irraa fagaateedha.Mootummaan wayyaanee kanneen isaaf gugguufanii bulaniif oolmaa garii oolaafii akkuma ture kanneen sabboontota ta’anii fi mirga abbaa biyyummaa isaaniif falman ammo qileetti gadi guuruudhaan biyyee itti deebisuun amala isaati. Sabboonummaan lammaa magarsaas kanaan alatti adda miti.Lammaan magarsaas osoo dhugaan kan sabaaf dhaabbate ta’ee oduu fi arrabaan ofin kuulu ture.Addattimmoo hojiin isaa idilee yeroo ammaa miidiyaa wayyaanee kanneen isaaf dhaabbatan dhuunfachuudhaan arraba dhadhaa dibatee fokkorsuudhaan lafa cabsaa jira.Fokkorsuun immoo uummata  oromoof bu’aa tokkoyyuu hin buusne.Uummanni oromoo yeroo ammaa osoo beelaa fi hidhaan gidirfamaa jiruu akkasumas qe’ee dhaloota kan abbaa isaa osoo saamamaa jiru lammaan magarsaammoo of fakkeessiidhaan uummata oromoo irratti kijibaan lafa dhiphisuun qabsa’aa yookiin immoo sabboonummaa hin jedhamu.

.

Namni tokko afaan oromoodhaan akka gaariitti odeesseef yookin afaan oromoodhaan jecha baareedaa dubbateef sabboonaa hin jedhamu .Uuummanni oromoo biyya dhaloota isaa keessatti akka waan biyya bakkeedhaa dhufee keessa jiraachaa jiruutti biyya dhalootasaa keessa jiraataaa yeroo jirutti faajjii hololaan uummata oromootti gurra duuchuun gaaffii uummanni oromoo guyyaa biyya abbaa biyyummaa isaa dhaberraa kaasee gaafachaa jiruuf deebii ta,uu hin danda.u.Oromummaa fi sabboonummaan tokko ta,uu hin danda’u.Garaagarummaan isaanii hanga lafaaf waaqa gidduuti.sabboonummaan hololaa sabboonummaa hojii yookiin sabboonummaa rakkoo uummataaf furmaata kennuu ta,uu hin danda,u.Gaaffiin uummata oromoo gaaffii dheebuu bilisummaa ti.Rakkoon uummata oromoo rakkoo biyya abbaa biyyummaa isaa diinaan sarbamee jiru deeffachuuf gaaffii gaafachaa jiruudha malee rakkoon keenya rakkoo afaaniin rakkoo uummataaf deebii kennan miti.Peresdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa lammaan magarsaa yoo dhugaan kan dubbannu ta,e  gaaffii uummata oromoof waan deebii kennaa jiru fakkaatee garuu sobaan rakkoo uummataa karsoosee fixaa jira.Garuu hojiidhaan kan zeeroodhaan baayyateedha.Kanaaf sabboonummaan dhugaan sabaaf hojjechuu,dhugaan saba ofii keessatti qulqullummaan argamanii wareegama dhufuuf dursanii of kennuuf carraaquudha.Kana malees Sabboonummaan Oromummaan jiraachuun alatti  kan nama keessatti umamuudha. Sabboonummaan isa amma namoota bayyeen fokkorsuu fi of fakkeessiin  ittin of ibsatan kanaa miti. Dhiigaan OROMOO ta’anii, Oromummaa qabaatanii jennaan sabboonaa nama jechisiisaa jedhanii  kan of mullisuuf yaaluu barbaadanis  danuutu jira . Sabboonummaan kanaan hin ibsamu.Sabboonummaa jechuun Rasaasa diina dhahuuf qophaa’ee jechuudha. Sabboonummaan wareegama barbaachisu baasuuf of qopheessuudha. Sabboonummaan isa hin dammaqee dura ka’ee saba isaaf dhaabbachuuf hamilee fi dirqama guutuun kisa saba isaaf of kennee wareegamuuf qophaa’uudha..Sabboonummaan Oromummaa ofiin boonuudha. Oromummaa irraa diina ittisuuf dhaabbachuudha. Kan ittin of of kuulan yookiin kan ittiin dhaatan  miti. wareegama bifa kamiitu kafaluuf of qopheessuudha. Namni sadarkaan sabummaa isaa sabboonummaa irra ga’ee, waa’ee saba Sanaa waan itti himanuu, waa’een siyaasaa itti himanuu hin jiru. ofiin beeka. Maal akka barbaachisuu fi irraa eegamu ni beeka. Kanaaf sabboonummaatti osoo hin ceenee, wareegamatti of laachuuf yoo jarjaran qabsoo keessaa dheessuu fi deebi’anii diinaa fi afarsitu ta’uutti gadi deebi’an. Sabboonummaa jechuun waan OROMOO dubbisanii waltajjii dhiphisuun of ibsuu miti. sabboonummaan amalaa fi adeemsa mataa isaa qaba. sabboonummaan waan nu keessa jiruun ibsama osoo hin taanee , waan nuuti hojjannuun, waan nuuti ummata keenyaaf kafaluuf qophoofneen madaalama. Uffata aadaa uffachuun, afaan akka dansaatti dubbachuun, kkf Oromummaa ni mirkaneessan. Sabboonummaa garuu mirkaneessuu hin danda’an. Sabboonummaan Uffata aadaa uffachuu, Afaanii fi aadaa ofiin jiraachuu, Qabeenyaa ofii jiraachuu fi qabaachuu ibsuu qofaa osoo hin taanee, tikisuu waardiyyaa ta’uu, lubbullee kennutti hidhata.waan ittiin Boonan jiraachisuu, lubbu itti horuu faa’aa hammata. Hololli affaaniin odeeffamu hojiitti hiikamuun isaa nama rakkisa.Wayyaaneen kaleessas har’as jireenya uummata oromoo waan jibbituuf karaa ittiin uummaticha lafarraa dhabamsiiftu soqxee baasaa bulti malee gara laafina tokko uummat oromoof hin qabdu.Holollii lammaa magarsaas holola dharraa fi holola ittiin qabsoo uummatichaa afanffajjeesuuf as ba’eedha.Sirni wayyaanee qabsoon oromoo yeroo ammaa galma ga’iinsa isaarra ga’uuf akka jedhu waan hubateef guyyaa guyyaatti karaa ittiin sammuu uummatichaa adoochu baafacha bula. Uummanni oromoo garuu hanga galma ga’iinsa isaa fi bilisummaa waloo gonffatutti yoomillee holola jaleewwan opdo fi bitamtoota sirna wayyaaneef jilbeenffatee hin beeku.

.

Fuulduraafis daqiiqaa tokkoofillee sirna wayyaaneef hin bulu. Peresdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa kan ta’e lammaan magarsaa abjuu inni amma qabatee ittiin uummata oromoo garboomsuuf dhufe kun karaa  ittiin uummaticha irratti garbummaa achi butataniidha malee uummatichaaf yaaduu miti.  Lammaan magarsaa osoo kan dhugaan uummata oromoof quuqamu ta’e maaliif uummanni oromoo beelaaf dheebuun dararama.Maaliif beekaan oromoo mana hiraarssaa keessatti gidiraa dhala namaaf hin malle argaa jira.Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e uummanni oromoo biyya keessa jiru yeroo ammaa harki caalaan rakkoo beelaa fi mana jireenyaa keessa jiraatu dhabee bakkee keessa kan jiraachaa jiru meeqatu jira. Kana malees beekaan oromoo biyya keessa taa’ee beekumsa isaan uummatasaa tajaajilaa hin jiru.Yeoo uummanni keenya dhumaa jiruu fi biyya abbaa isaarraa godaansifamaa jirutti of kuulanii uummaticha irratti ba’aa garbummaa dheeressuuf ferexuun soba dhugaarraa fagaateedha.

Uummanni oromoo baayyinni isaa miliyoona 50 olitti lakka’amu ta’ee osoo jiruu saba bicuun hoogganamee biyya abbaasaarraa ari’amee saamamaa fi hidhamuun kan durii caalaatti hammaachaa jira.Haadhi qeerroo oromoo deessee ofii agabuushee bultee dhala ishee nyaachistee erga sadarkaa barumsaan geessisteen booda gara mana barnootaatti ergitee rasaasaan of jalatti argaa jirti.Osoo itti hin yaadiin dhala ishee rakkattee gudifattee bor na deggera jettee kan abjoottu of bukkeetii dhabaa jirti.Qeerroo fi qarreen oromoo biyya abbaa isaanii kanneen irratti dhalatanii guddatan irra akka argan yookiin akka qabeenyaa isaaniitti irra jiraachuun hafee ajjeefamaa fi gudeedamaa akkasumas rakkoo hangana hin jedhamnetu irraan geessifamaa jira.Barataan oromoo tokko baratee akka hiriyyaa isaa ga’uun hafee barumsarraa butamee achi buuteen isaa dhabamaa jira.Kaayyoo isaaf mana isaatii gadi ba’ee rasaasaan waadamaa jira.Rakkoon uummata oromoo lakkaa’amee ittin ba’amu.Uummanni oromoo biyya abbaa isaa erga dhaberraa kaasee caalmaattiyyuu ajjeefamuu fi biyya abbaa isaarraa godaansifamuun itti jabaataa jira. Gochi diinummaa kan duriii caalaatti yeroo uummata oromoo irratti jabaataa jiruu fi uummanni oromoo yeroo biyyaa fi qabeenyaasaa saamamee ala bulaa jirutti maqaa sabboonummaan of kuuluun hin fakkaatu.Diinni uummata oromoo bakkeedhaa dhufe miti.Numa keessa teessee nuu wajjin jiraachaa nu nyaatti.Kaanimmoo faayidaa dhuufaaf bitamuudhaan diinaaf dhadhaabbata ta’anii lammii isaaniirra alagaa caalchifachuun uummata isaaniitti kanneen garagalanii nyaachaa jiran danuudha.Kanneen gocha diinummaa alagaa waliin ta’anii uummata isaanii irratti raawwachaa jiran kunneen guyyaa tokko garuu fuula yakka seenaa uummata oromoo duratti ba’anii akka itti gaafataman wal nama hin shakkisiisu.Diinni maal nugodhe kan diinaaf dibbee ta’etu nu galaafachaa jira’ooti.Kaleessa diinni iccitii oromoo hin beeku.Garuu kanneen diinaaf bitamantu kofa uummata isaanii saaqee alagaa mana seensise.Gochi kun ammas bifa yeroo yerootti haa jijjiirratu malee hin dhaabbanne.Ittuma jira.Kanneen gocha diinummaa kana uummata oromoo irratti raawwachaa jiran keessaas fakkeenya yoo fudhanne warra maqaaf uummata oromoof dhaabbanne jechuun as deebi’anii uummatichatti garagaluun diina waliin hiriiranii uummatichatti bineensa ta’anii kanneen nyaachaa jiraniidha.Isaan keessaa tokkos maqaaf kan bixxilamtee maqaa oromoon daldaalaa jirtu murna OPDO fi jala deemtota isaaniiti.

.

Shiftoonni tigiraay irraa uummata oromoo lafarraa fixuudhaaf dhufan gaafa biyya oromiyaa seenan uffata qumxaa fi bishaan harakatti qabatanii biyya badhaatuu fi biyya qabbanaa oromiyaa jiituu seenan.Erga seenaniis adduyaa haaraa keessa akka seenanii fi jannata lafarraa keessa akka dhufan ofirratti arguu eegalan.Dhangaa uummata oromoo tokko lamaan dhandhamuu erga eegalaniin booda biyya oromiyaa keessaa eenyuyyuu osoo dhufee nun baasu jechuun ittuu dhaadachuu eegalan.Lafaa fi qabeenyaa uummata oromoo akka kan isaaniitti ilaaluuudhaan saamuu fi saamsisuu irrattis xiyyeeffannoo gochuu jalqaban.Malaan fayyadamanii uummata oromoo gidduutti holola dharaa facaasuudhaan uummata akka dammaatti wal dhandhamatee jiraachaa jiru gidduutti daawwaa tokkummaa diigu gidduutti facaasuudhaan uummatichas wal nyaachisuu eegalan.Addattimmoo shiftummaa fi saamtuu ta’uun isaanii kan ittiin beekaman keessaa qabeenyaa uummata oromoo akka kan saanii godhataniitti ilaaluudhaan uummatichaaf kabaja dhabuu isaaniiti. Shiraa fi faajjii kijibaa da’oo godhachuun uummata oromoo lagaa fi gandaan wal nyaachisanii bara bittaa isaanii uummaticha irratti dheereffachuun har’a ga’anii jiru. Kan diina alaa qe’ee oromootti guuree galchisiises kanneen uummata oromoo fakkaachuun diinatti uummaticha kanneen gurguraa jiraniidha. Deemsa keessas biyya oromoo dhuunffachuudhaan anatu isiniif beeka,anatu isiniif murteessa,anatu isin bulcha jechuudhaan uummaticha irratti lafa cabsuu eegalan.Kana boodas biyya oromiyaa haguuganii humna qawwee fi aangoo isaaniitti fayyadamuun taayitaa qabatani.Erga taayitaa dhuunffataniin boodas uummaticha akka sareetti tuffachuudhaan akka garaa isaaniitti uummatichatti xabachuu eegalan.Biyya oromiyaa akka kansaaniitti ilaaluudhaan uummata oromoo akka diinaa fi akka baqataa ilaaluudhaan ajjeessuu,hidhuu fi biyya abbaa isaarraa hara’anii qabeenyaa isaa jalaa dhuunffachuu itti fufan.Kan baayyee nama jibbisiisu keessaammoo uummatuma oromoo keessatti diina uumuudhaan waliisaa irratti diina ijaaranii iccitii uummatichaa argachuu isaaniiti. Haaluma kanaanis uummaticha erga garaa baraniin yeroo ammaa biyyicha keessa ferexuudhaan uummata oromootti akka garaasaanii xabachaa jiru.Alagaan uummata oromoo miidheeraa jennee yoo wal gaafanne alagaan hoomaayyuu nun goone.Kan alagaaf bitamee alagaaf utubaa ta’ee lammiisaa nyaachaa jirutu abbaa badiiti.Walumaa galatti rakkoo uummanni oromoo yeroo ammaa keessa jiru rakkoo akkaan jabaa fi yaaddoodha.Uummanni oromoo gaaffii karaa nagaan gaafachaa jiruuf karaa nagaan deebiin deebifamuufiin hafee caalmaatti biyyaa fi biyyee isaa irratti ajjeefamuun kan durii caalaatti jabaatee itti fufee jira.Lafaa fi qabeenyaan uummata oromoo bakka isaa gad lakkisee jira.Saamichi lafaa fi uummata qabeenyaa isaa irraa booji’uun godaansisuun kan durii olitti jabaatee itti fufee jira.Diinni biyya bakkeedhaa dhuftee sanyiin manzee biyya oromoorratti duulaa jirti,qabeenyaa oromoo saamaa jirti.Kanaaf dubbii fardiin kana booda uummanni oromoo kan yoomiiyyuu caalaa kutannoo fi cichoominaan akkuma kanaan duraaatti fxg fardeessuudhaan jabeessee diina biyya isaa saamaa jirtu biyya ikaasee abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuun kankoof kankeessaniin dhaamsa kooti.

Horaa bulaa deebanaa.

Injifannoo uummata oromoof

gadaan gadaa bilisummaati.

GUCA QABSOO OROMOO IRRAA

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: