Waraanni TPLF Godina Arsii Magaalaa Seeroftaa Keessattis Manneen Nagadaa Ummataa Cufsiisuu Itti Fufe.

Bitootessa 16,2017/ Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo karaa adda addaatiin akkuma dararaa irraan gahaa jiru Godina Arsii magaalaa Seeroftaa keessattis Dukkana ummataa cufsiisuu kan itti fufe yoo ta’uu magaalattii keessatti ummanni qaala’iinsa jireenyaatiinis dararaa adda Addaa arguudhaan gabayaa bayee waan barbaadu bitatee galuu dadhabaa jira,Kuni kanaan Osoo jiruu Ummanni akka wal quba hin qabaanne fi akka haala yeroo irratti odeeffannoo jiru waliif hin qoonne Kaardii moobaayilaa magaalarraa dhabamsiisudhaan magaalota akka Roobee Diida’aa, Hamdaa Diksiis, Dodola,Adaabbaa, Asaasa, Kofalee Fi Siree keessatti yeroo ammaa kaardiin hin jiru kan jirus daldaltoota isaaniif amanamoo ta’aniif hiramee Abbaa Qarshii 5=10, Abbaa Qarshii 10=20 Abbaa Qarshii 25=35 Fi Abbaa 50=70 ti gurgurataa jiraachuu isaanii irraa kan ka’e ummata rakkoof saaxilaa jiraachuu Qeerroon Aanota kanneenii gabaasanii jiru. 

Leave a comment