Bitootessa 15,2017/Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaa Magaalaa Abaadir Keessaa Oromoonni Hedduu Hidhamaa Jiru.
barattoota fi barsiiftonni hedduun Kumaandi poostidhaan mana hidhaatitti guuramaa jiru, Bitootessa 13/2017 Manneen barumsaa keessaa barattoonni fi barsiiftonni hedduun kan hidhaman yoo ta’uu kanneen hidhaman keessaa
- Barsiisaa Yuusuf Amiin,
- Barsiisaa Tarreessaa Abdataa,
- Barataa Muhiddiin Kadiir
- Barataa Ismaa’il Qaasim
- Barsiisaa Abdii Qaasim keessatti kan argaman yoo ta’uu yeroo ammaa waajjira Poolisii magaalaa Itayyaa keessatti hidhaarra jiru, Sababiin namoonni kunniin ittiin hidhamaniifis maqaa barattoota Fincilaaf kakaasaa jirtan jedhuun ta’uunis dhagayamee jira.
Gama biraa Godinuma Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Magaalaa Asaasaa Keessatti Namoota manneen dhuunfaa kireessanii ittiin jiraataniin Namoota mana Kireessitaniif Waraqaa eenyummaa Fi Suuraa kireeffattootaa fidaa jechuudhaan waajjira poolisii magaalaa Asaasaa keessatti bitootessa 14/2017 Humni kumaandi poostii poolisoota feederaalaa wajjiin ta’uun manneen dhuunfaarra deemee namoota mana kiraa qaban galmeessaa jira,yeroo ammaa magaalattii keessatti namoonni karaa deeman Kumaandi poostiin Hoteelota siree kireeffatanii keessa bulanis Halkan saa’aa 6:00n booda seenee sakatta’aa jira,magaalattii keessa bukuun sodaachisaa ta’ee jira.
mee dhiifama wajiin gaaffiilee adda addaa gadii naaf dhiisa