Gurraandhala 30,2017/ Oromiyaa keessatti maqaa WLQO jedhuun Humni bitamtuu Wayyaanee OPDO uummata Oromoo irratti erga Waajjira dhaabbattee asitti,Oromonno keessattuu qote bulaan Oromoo haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.Maallaqi akka Liqiitti kennamu kan of dhalee galu waan ta’eef Oromoon maallaqa isaa kuufachun akka itti ulfaatee jiru himame.Qotee bulaan dubbifne akka nuuf ibstti “WLQOn eega nu keessa dhaabbate nageenyi keenyas qabeenyi keenyas hunkuramaa ta’e,rafnu nagaa dhabnaa yaaddoon mataa gadi qabnee bulla.Maallaqa sana kaffaluuf midhaan nyaataa gurguruun dirqama,kunimmoo hirii qabeenyaa keenyaa halayyaa buusee jira”jechuun dubbatan.
Gama biraan Yunibarsiitii Asoosaa Keessatti Nyaata Dhorkatamuun Jeequmsa Barattoonni Lammii Biraa Kaasaniin Barattoota Oromoo Fuunanaanio Hidhaa Jiran FXG Finiine Barattoo Moraa Yuunibarsiitii Asoosaa byaata dhorkatamuun akkasuma akka moraa ala hin baafne ka taasisan yoo ta’u jeequmsa Lammiin biraa kaase gara barattoota Oromootti deebisuun barrattoota Oromoo mooraa Asoosaa keessaa baratan adamsanii qabaa jiraachuun himame.Humni diinaa Wayaanee dhuukasaa jajjabaa saatii kana dhukaasaa kan jiru yoo ta’u.Addatti barattoota Oromoo irra balaan dhaqqabaa jiraachuu Qeerroon Yuunibarsiitii Asoosaa beeksise.