Mootummaan Wayyaanee Duula Labsii Waraanaa Ummata Oromoo Irratti baatii 6f Labsee Ture Irratti Baatii 4 Dabaluuf Akka Jiru Saaxilame.

TPLF

Gurraandhala 6,2017 /Oromiyaa Keessatti Duulli Waraana Uummata Oromoorratti Labsame Ji’a Afur Dabalachuu Qaamonni OPDO Dhoksaan Nuuf Himan Guutummaa biyyattii keessatti falma Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaatti taasisaa jiru sodaa keessa galuun ji’a jahaaf human waraanaan akka Biyyi keenya bultu taasisuun humna bicuu sammuu duufeen dhangalaatu dabarsuu ishee eenyuuf ifaadha.Ajaja ji’a jahaa sana Guutummaa Oromiyaa keessatti tasgabbiin bu’uu waan hin dandeenyeef ji’a afur itti dabalanii akka jiran odeessi OPDO keessatti wal mormisiisaa jiraachuu beekame.

Oduun kun akka jedhutti biyyatti Xoophiyaa kana keessaa dhibbaa dhibbatti OPDO isaa irraa hanga Uummataatti Oromiyaa sodaannee waan jirruuf  dabalataan humni hidhatee socho’u akka bulchu ifaaf ifattu waltajjirraatti dubbachuun isaa dhagaa’amee jira

Gama biraan Guutummaa Oromiyaa keessatti baajeta guddaa ramaduun nama lammummaan Oromoo hin taane Hidhattoota gandaa leenjisaa kan jiru yoo ta’u,Humna waraanaa fakkeessuun guutummaa biyyattii keessatti wal jala dabarsee uummatatti bobbaqsuuf kan jiru ta’uu isaa leenjifamtoonnii dubbatan

Leave a comment