Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle Jedhamu Keessatti Ergamtooti Wayyanee Ummataan Adabamaa Jiru. Barattooti Umuriin Xiqqaa Ta’anis Poolisootaan Hidhamaa Jiru.

Exif_JPEG_420

Gurraandhala 6,2017/ Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle jedhamu keessatti basaastuu Wayyaanee dargaggoota qabsiisaa jiruu fi hojjataa waajjira Aadaaf turizimii aanaa seeruu Siraaj H/ Abdullaahi Muhaammad jedhamu eda halkan human hin beekamneen dhanamuun miidhami cimaa akka irra gahee jiru gabaafame. Namni kun yeroo amma Hospitaala Roobeetti yaalamaa jira,

Kana malees guyyaa har’aa Wiixata barattoonni M/B Adamtuu faaruu faarfachuu diduu isaanitiin barattoota umuriin daa’ima ta’an  3 Sadih mana hidhaa magaalaa Balee Gasgaaritti darbatamanii jiru,dargaggoonni mana hidhaatitti darbataman

1, Ismaa’il Kadiir barataa kutaa 6ffaa

2, Seeyfuu H/ Jest barataa kutaa 6 fffaa
3,Muhaammad H/ Kamaal ta’uun dhagayame, sababiin barattoonni kuni itti hidhamaniin barruulee warraaqsaa faaruu hin faarfatinaa jedhuufi barnoota lammummaa hin baratinaa jedhu isintuu maxxansee haala baruuf barsiisuu gufachiisutti jira jechuun ta’uunis dhagayameera.

Leave a comment