Amajjii 30,2017 Murni Wayyaanee yeroo ammaa kanatti Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti milishoota gandaa walitti qabuudhaan leenjii waraanaa kennaafii jira.
Haaluma kanaan yeroo ammaa Godinaalee akka Harargee, Shaggar Lixaa, Wallaggaa fi Jimmaa keessatti aanota baay’ee keessatti leenjisaa jiraachuun baramee jira. Shirri mootummaan wayyaanee milishoota kanneen leenjisaa jiruufis sochiin ummata Oromoo daran jabaachaa jiraachuu irraa soda guddaa waan qabuufi.
Akkuma kanaan dura bare Wayyaanee irree ummata Oromoo ummatuma Oromootiin cabsuuf yaaluuf ta’uu hinhaalamu. Ilmaan Oromoo wal ajjeesisaa, walirratti duulchisaa umrii dheereffachaa kan har’a ga’e mootummaan wayyaanee ammas shira walfakkaatuun Humna Ittisa Ummataa dadhabsiisuuf milishoota kanneenitti dhimma ba’uuf akka ta’e ifatti barame. Milishaan gandaa mootummaa wayyaaneetiin leenji’ee ilmaan Oromoo biyya abbaa isaaniif falman irratti dhukaasuuf yaaluun garuu, ofii fi maatii ofii irratti murteessuu akka ta’e asumaan dhaammanna. “Sodaa abjuu hirriiba hindhaban” akka jedhamu sana leenjii milishaa gandaaf kennamu sodaatee Oromoon gaaffii abbaa biyyummaa irraa duuba hindeebi’u. Ummatni Waraana Agaaziitiif hinjilbiiffatin milishaa gandaaf jilbiiffata jedhanii yaaduun gowwummaa fakkaata.