Amajii 22,2017
Sirna ayyaana cuuphaa hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti haala hoo’aa fi adda taheen biyyattii keessatti kabajamu Wayyaneen akkuma isaaf hin hafne tahee yaaddoo guddaan qabamuu fi uummata amantaa kanaaf bahe shororkeessuuf yaales uummanni guddaan Oromiyaa fi magaala Finfinnee keessaa bahe wayyaaneen balaaleffatuun ayyaana isaa cinatti gaaffii abbaa biyyummaa qabatee as bahee jira.
Guyyaa lamaan kanaa asitti waranni mooraadhaa bahe meesha gurguddaadhaan konkolaataa guuttachuun Finfinnee guutuu naanna’anaa bahan jala bultii ayyaanicha irraa kaasee tahuun ni mul’ata. Haala kanaan kaleessaaa fi har’as ganama irraa kaasee Finfinnee keessaa
dhukaasni bakka uummanni Oromoo itti heddummatutti dhaga’amaa jira kana malees magaalota oromiyaa gurguddaa keessatti haala wal dhiphisee kan uummanni dhaadannoo fi sirban qabsoo dhageesisuun ayyanicha kabajaa jiru tahuu isaa caasaan dhaabaa bakka jiruu gabaasa gochaa jira.
Akkaataan dura dhaabbannaa uummanni oromo ayyaana kanaan wal qabsiisee itti jiru kun boonsaa tahuun gabaasa irraa kan hubannuudha.
Naannolee Oromiyaa magaalotaa fi baadiyaa keessaa uummanni ayyaana kana wal qabsiisuun walitti dhufe kun dhaadannooo tokkoon akkuma
irratti hojjetameen diinatti bahee jira
– Abbaan biyyaa ABO tahuu isaa diina hubachiise
– Lafti Oromoo saamame haa deebihu
– Hidhamtootni siyaasaa kamuu haa gadhiifaman
– Bilisummaadhaaf lubbuu keenya wareegna malee boodatti hin deebinu
– Command postf hin jilbeenfannu
– Labsiin haala yeroo FXG duubatti hin deebisu
– Uummanni oromoo amantaadhaan wal hin qoodu
– Wal jaallachuu fi wal tahumsaan Bilisummaatti baana
– Daangaan oromomiyaa haa kabajamu
– Doorsisa diinaaf hin jilbeenfannu
– Mootummaan ajjeesaa fi hattuun biyya hin bulchin
– Mirgi amantaa xiqa kamittuu kabajamuu qaba
– Gaaffiin mirgaa kabajaan deebii argachuu qaba
– Nuti oromoon tokko gargar hin baanu
Kun dhaadannoo walii gala magaalota oromiyaa fi Finfinnee dabalatee
uummanni kaleessa ayyaana kanaan wal qabatee baheedha akkasumas
sirboonni qabsoo uummata argameen dhageesifamaa tureera waraabbiiwwan
caasaan nuuf gabaasaa jiruun ammas kan walitti deebinu tahuu danda’a
Humni ittisa uummataa keessaa madde tarkanfii gara jabeenyaa diina
irratti fudhatuun humni addaa Finfinnee kutaa Boolee Garjii jedhamutti
poolisii tokko irratti fudhatame haalaan boonsaadha. Akka gabaasni kun
ibsutti tarkaanfiin fudhatame poolisiin meeshaa qabuun ijoollee oromoo
lama qabee humna qabu biraan gahaa jiru karaatti humni uummata
haleeluun poolisicha hojiin ala taasise kanumaanis dhukaasni wal irraa
hin cinne galgala sa’a 2 booda humna agaaziitiin dhuka’uun uummata
nagaa isaa booressuu gabaasichi ifa godheera.
Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (January) | OromianEconomist