OROMUMMAA JECHUUN
FOON QAAMA TOKKOOTI.!
=====================
Dubbii diina keetii
fuunaan fira seetee
Qaamuma kee irraa
tokkotti kan ceete,
foonkee irraanfattee
qaama namaa seete.!
———————————–
Funyaan yoo dhahamu
maaliif ijji boottii?
Oromummaa jechuun
dhugaan gama kootii
waan addaan hin baane
foon qaama tokkootii.!
————————————-
~Harargeen mataadha
yoo jenne fakkeenyaa ,
~Arsiin ija lamaan
agartuu fageenyaa
~Wollagga onnee keenya
raabsaa dhiiga namaa,
~Shaggar sammuu keenya
yaaduuf waan hundumaa,
~Jimma hidda dhiigaa
~Ilu dhuka keessaa!
Mee qaama kanarraa
kan jibbamu eessaa?
—————————————
~Wollo kalee lamaan
~Baale harka lamaan
~Gujiin miila lamaan
~Booran lafee dugdaa
Qaama kee jibbitu
maaliif nyaattee dhugdaa??
———————————————-
Lubbuu koo balleessa
dhibeen qaama kootii
Hundi namaa tokko
gabras ta’ee mootii ,
Akka naa beektuufi
anis ibsuun kootii
Oromummaa jechuun
FOON QAAMA TOKKOOTII.!
Dhugaadha oromumma jechuun foon qaama tokkooti. Oromumman sabbonuma malee.sabonumman, sabaaf yaduu malee gaati hin qabuu.