Waldaaleen Waaqeffannaa Cufaman!

Hanga ammaatti gabaasaa nu qaqaabeen, waldaaleen Dhaabbata Gumii Waaqeffannaa bakkeewwan Oromiyaa gargaraa keessatti cufamuun beekameera. Bara 2015 keessa Dhaabbati Gumii Waaqeffannaa Gumii Caffee Naqamtee,Buraayyuu fi Maqii akkasumas Daaroo Labuutti taasiseen,Gumiilee gargaraa ijaaruun,Gumii tokko “Waldaa Waaqa tokkichaa” jedhu illee Oromoota Goojjam Bahaatiin hundeeffamuu isaa ifa taasisuun beeksisee ture. Gumiin kun Amantaa kan Bulchiinsa Gadaa Oromoo jalatti argamu barsiisuun,ilaalchi Oromummaa illee daran akka babal’atu taasisuun,naaannoowwan dhaabbileen barnoota ol’aanoo kan akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjotaa bakka jiranitti Gumiiwwan Aadaa Seenaa fi Dagaagina Afaan Oromoo wajjin ta’uun dhimma guddina aadaa fi seenaa akkasumas eenyummaa Oromoo irratti hojii bal’aa hojjeteera Gumiin Amantii kun,akkuma uummata Oromoo ijaaruu jalqabeen wayyaaneen yaaddoo keessa seenuun,dhaabbati kun yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti dhaabbatoonni Amantaa hedduun tajaajila kennaa yeroo jiraniitti hordoftoota amantaa Waaqeffannaatiin isin dhaaba ABO deeggaruuf malee amantaaf miti jedhamuun iddoowwan gargaraatti adamoon yeroo bittinneessaman,iddoowwan heddiutti immoo tiki itti hammaachuurraan kan ka’e,Waaqeffattoonni bakka Amantaa isaanii kanarraa Waraana komaandi posti Wayyaaneen dhorkamuu isaanii oduun Waaqeffattoota Daaroo Labuu,Galma Nawamteefi Galma Maqii irraa argannee addeessee jira!

Leave a comment