Sadaasa 4,2016
Erga labsiin ajjeechaa kallattiin nurratti labsamee asitti jiruuf jireenyi uummataa akkaan ulfaataa jiraachuu jiraattonni ona Wallaggaa bakkeewwan garaagaraa irraa nuuf himan.Haaluma kanaan FXG guyyaa dheengaddaa ona Waamaa Hagaloo keessatti ka’een wal qabatee barsiisota hedduu hidhaa kan jiran akkasuma qote bulaan akka midhaan hin sassabbanneef qote bultoota hedduu maatii isaaniirraa qabaa kan jiran kaanis suuraa isaanii qabatanii humni Command Post sakkataa’aa jiraachuun y himame.Ganamaa galagala sakkattaan seeraan alaa nurratti raawwatamaa akkasuma yakkoonni saamichaa,gudeeddii shamarran keenyarra gahaa jiraachuus maddeen Qeerroo naanichaa gabaasan.
Achuma ona Sibuu Siree keessattis yakkoonni wal fakkaatoon kanneen Gudeeddii,Saamichaa,Sakattaa humnaan olii,Reebichaa babal’ataa jira.Ukke Qarsaa irras barsiisotaaf jiraattota hedduu adamsanii qabaa jiraachuun gabaasnee turuun keenya nii yadatama.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist