Onkoloolessa 28,2016
Qeerroon Leeqaa yoomiyyuu afaan qawween buluun nuuf hin ta’u jechuun humna diinaa hidhannoo guutuun magaalaa Naqamtee weeraree jiru dura gootummaa jabaan Uummata Magaala Naqamtee waliin takaroo wal qabaa jira.Mormii guyyaa gara guyyaatti Mootummaa shororkaa Wayyaanee hudhee qabaa kan ture,guyyaa har’aa Magaalattii keessa bakka Boordii jedhamtutti humna diinaa ofirraa gaggeessuuf waloon itti bobbaa’ee ba’aa gala diinaa yaaddoo jala oolchee jira.Sababa Sochii warraaqsaa har’a finiinfameen uummatarra tokko wareegamuunis akkasuma hedduun hidhamaa jiraachuutu dubbatamaa jira.Uummati ammas gootummaan diina dura akka dhaabbatu Waloon akka falmatu wal hubachiisaa jira.