Akkuma beekkamu sochiin Qeerroon biyya keessaa gaggeeysaa jiru hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa akkasumas firaa fi diinaafiis ifa tahuun isaa beekkamaadha.Kuniis eega sochiin Qeerroo Bilisummaa bifa addaan Oromiyaa guutuu keessatti warraaqsa biyyoolessaa qabsiisuun faajjii ABO ol kaasee gaaffii hundeesiyaasaa ABOn durfamu aduunyaatti muldhisee booda diinni karaa sochii tana ittiin dadhabsiisuu mala adda addaa dhawaa jiraacchuun isaa ni hubatama. Keessahuun sochiin Qeerroo kan Onkololeessa bara 2016 kana keessa gaggeeffamaa jiru gurra adunyaa hunda hawwatuu fi diina naasisee labsii muddamaa akka labsu taasisuun isaatiis ifaa dha. Kanaaf diinni yeroo ammaa karaa jala deemtoota isaa akka qabsoo Oromootiif dhimmee of fakkeeysuun sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABOn gaggeeyffamaa jirtu dadhabsiisuuf hawaasa Oromoo kan baqatummaan biyyoota gara garaa keessa jiran dogoggorsaa jira.
Qeerroo Bilisummaa biyya keeysa jiru gargaarraa sababa jedhuun jala deemtoonni diinaa hawaa keessa dhokatanii tooftaa baafatanii horii hawaasarra Oromorraa walitti qabuun bakka dhimmi isaa hin beekamne geessuu ykn ammoo walitti qabanii bakka tokkotti kuusuun gargaarsichi akka kallattiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo hin geenye taasifamuu irratti shoora guddaa taphataa jiru. Haala kana keessatti ummanni keenya qabsoo irratti dhugumaan miidhamee sochii Qeerroo keessatti taliigamuun gargaarsa barbaadu jiddu jidduutti miidhamaa jira. Hanga ammaatti gargaarsi ummata keenya bakka adda addaatti rakkataa jiru kan dhaqabaa jiru ifatti kan beekamu karaa Jaarmiyaa Deggersa Qeerroo Idil_Aduunyaa ta’uun beekamaa dha.
Yeroo ammaa kana naannoo Baha Jiddu galeeysa bahaa biyya Saudi Arabiyaa magalaa Riyaaditti mul’atee jira. Tooftaan ittiin deemamuus dargaggoon Oromoo maqaa naannoo kutaa keessa dhalataniitiin ijaaramtanii akka Qeerroo maddii dhaabbatan jechuun ololli diigaan naannoo sanitti hawaasa keessa oofamaa jira.
Fincila xumura gabrummaa kan Qeerroon gaggeeysaa jiru kana ummanni Oromoo hawwiin qabeenya qabaniin gargaaruuf fedhiin guddaa waan qabaniif kanatti dhimmi bahanii tokkummaan ummanni Oromoo akka karaa Caasaa ABOtiin hujiin gargaarsa Qeerroo kun hin gaggeeyffamnee beekaa karoora baafatanii irratti hojjachaa jiran. Dargaggoonni Oromoo kanneen biyyoota Ambaa, Baha jiddu galeeysaa fi biyyoota ollaa keessa jiraattan gariin keeessan beekaa ykn dogoggoraan yoo naannoo fi amantiin kan walitti ijaaramtanii maqaa Qeerroo gargaaruutiin kan deematan ta’e akka yeroo irraa dhaabbatan isin yaadachiifna. Yoo Qeeroo gargaaruu barbaaddan karaa caasaa deggersa Qeerroo Idil-Aduunyaa ykn ammoo biyya jirtan keessatti caasaa ABOtiin Qeerroo gargaaruu dandeessan.
Maqaa kutaa diinni ittiin nu qoodeetiin walitti ijaaramuun tokkummaa fi sabboonummaa Oromomummaa kan dhiiga gootoota ilmaan Oromoo kumaatamaatiin jabaatee Sadarkaa kana gehe of duuba deebisuu waan tahuuf hawaasni Oromoo bakka jiru hundaa gochaa akkasiiirraa akka of eeggatan kabajaan beeksifna.
Yaadachiisa Ilamaan Oromoo hundaaf Ibsi Qeerroo kan seeraa kan tahuu yoo kanneen armaan gadiin baafame qofa tahuu hubachiifna.
1. Website Qeerroo Bilisummaa irratti maxxanfame
2. FB Qeerroo Bilisummaa Qeeroo Bilisummaa jedhuun maxxanfame
3. E-mail Qeerroo Bilisummaa Qeerroo2011@gmail.com jedhuun dhaamsi ergame
4. Sagalee Qeerroo (SQ) dhaan yoo himame
5. Qeerroo International Support Group dhaan beeksisi yoo baafame fi caasaa Qeerroo International waliin qindoomina godhamuun walgahiilee fi mallaqa deggarsaa walitti qabuun yoo gaggeefame
Ka’I Qeerroo
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injfanoo Ummata Oromoo!!
Onkololeessa 24,2016
Pingback: Yaadachiisa Gabaabaa – OROMSIIS
Pingback: Yaadachiisa Gabaabaa |