Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa Oromiyaa keessatti mirga uummata Oromoo fi walbummaa Oromiyaa kabachisiisuuf mootummaa abbaa irree biyya bulchu waliin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jira. Qabsoo kana keessattis lammiiwwan keenya hedduun lubbuu isaanii bakka bu’umsa hin qabne dhabaniiru, qaamaas hir’ataniiru akkasumas mana hidhaa keessatti dararaa dhala namaaf hin malle argaa jiru. Keessumattuu Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) Sadaasda 12, 2015 eegalee hanga ammaatti finiinee deemaa jiru fi lubbuuwwan qaqqaaliin kan itti wareegaman waggaa tokkoffaa isaa haala lamaan yaadachuun barbaachisaa dha.
- Uummata keenya sochii fincilaa kana keessatti lubbuun isaanii darbe, kan qaamaa hir’atanii fi kan mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa jiraniif gadda onnee Oromummaa irraa madde ibsuu
- Qabsoo adeemsa bu’i bahii hedduu keessa darbee sadarkaa amansiisaa irra ga’eef dhiyaachuu bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa kan nutty mul’iseef ammoo gammachuu keenya ibsuun barbaachisaa dha
Haaluma kanaan hawaasni Oromoo bakkuma jirtanitti guyyaa kana gareedhaanis ta’e dhuunfaadhaan huccuu gurraacha uffachuudhaan gadda lammummaatiin akka kabajnu waamicha isiniif dhiyeessina. Hawaasni Oromoos bakka jirtanitti haala mijeessuu fi qindeessu irratti gargaarsa akka nuuf gootan kabajaan isin gaafatna.
Qeerroon Qaroo Uummata Oromoo ti!!
Nagaa Wajjin
Boordii Deeggarsa Qeerroo Idila Addunyaa

Reblogged this on ademmisoma's Blog and commented:
Hawaasa Oromoo Hundaaf
Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa Oromiyaa keessatti mirga uummata Oromoo fi walbummaa Oromiyaa kabachisiisuuf mootummaa abbaa irree biyya bulchu waliin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jira. Qabsoo kana keessattis lammiiwwan keenya hedduun lubbuu isaanii bakka bu’umsa hin qabne dhabaniiru, qaamaas hir’ataniiru akkasumas mana hidhaa keessatti dararaa dhala namaaf hin malle argaa jiru. Keessumattuu Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) Sadaasda 12, 2015 eegalee hanga ammaatti finiinee deemaa jiru fi lubbuuwwan qaqqaaliin kan itti wareegaman waggaa tokkoffaa isaa haala lamaan yaadachuun barbaachisaa dha.
Uummata keenya sochii fincilaa kana keessatti lubbuun isaanii darbe, kan qaamaa hir’atanii fi kan mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa jiraniif gadda onnee Oromummaa irraa madde ibsuu
Qabsoo adeemsa bu’i bahii hedduu keessa darbee sadarkaa amansiisaa irra ga’eef dhiyaachuu bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa kan nutty mul’iseef ammoo gammachuu keenya ibsuun barbaachisaa dha