Onkoloolessa 8,2016 /FXG Godina Jimmaattis jabaatuudhaan daandileen magaalota keessaa gara Yuuniversitiiwwan Jimmaatti geessaan irree gootota barattoota Oromoon kaleessaa kaasee halkan edaas itti buluudhaan cufameera. Waraanni agaazii halkan edaas gara Jimmaa yuuniversiti seenuun barattoota irratti tarkaanfi Barattootni Qeerroon Bilisummaa godina Jimmaa keessaa diina hidhannoodhaan guutame duubatti deebisuudhaan magaalicha dhuunfatanii daandiis cufuudhaan Injifannoo hin eegamne galmeessaa jiru.
Kana malee godinuma Jimmaa aanaalee adda addaa keessatti diddaan dargaggoota Oromoo Qeerroo haalaan jabaatee jiraachuu irraan loltooti Wayyaanee sadarkaa tohachuu dadhabuu irra gahanii jiru.
Godina Iluu abbaa Boooraa sochiin FXG haalaan jabaatee itti fufuu irraa kan ka’e poolisoonni Oromiyaa waan dargaggoota Oromootti dhukaasuu didaniif loltoota Wayyaanee Agaazii waliin walitti bu’aa akka jiranii fi yeroo amma wal dhabbiin isaan jidduu akka jiru beekamee jira.