Fulbaana 26,2016 Suuraan dargaggoo kanaan gadiitti argitan kun Maqaan isaa Abubakar Nuuree jedhama. Dhalatee kaninni guddates magaalaa Naqamtee keessaa naannoo Dargee bakka jedhamu yoo ta’u sababii Oromoo ta’e duwwaaf magaalaa Naqamtee keessaa hojii isaa idilee hojjechaa utuu jiru poolisoonni Oromiyaan TPLF f ergamanii fi deeninnatiidhaan qabamee erga qabameen boodas reebamaa fi lafarra harkifamaa bakka hojiisaatii butamee achi buuteen isaa dhabamee jira.
Dargaggoon Abubakar nuuree nama Oromummaasaatti boonuu fi Oromummaasaaf jedhees nama dii aaf hin jilbeenffanne akka ta’e jiraattonni naanno sanaa eeruu nuuf kennanii jiru. Dargaggoon kun hiriyyoota isaa heedduu waliin butamee akka dhabamees jiraattonni magaalaa naqamtee nuti dubbisne tokko tokko nuuf eeranii jiru.
Kanneen dargaggoo Abubakar waliin magaalaa Naqamtee keessaa achibuuteen isaanii dhabames:
Dargaggoo Amaanu’eel Beekkataa. Dargaggoon kunis dhalatee kaninni guddate magaalaa Naqamtee keessaa naannoo kutaa magaalaa jiituu mana barumsaa qophaayinaa Naqamtee cinatti kan argamuudha.
Dargaggoo Hundee fi dargaggoonni heedduun maqaansaanii ammaaf hin beekamnes Oromoo sababa ta’an duwwaaf magaalaa Naqamtee keessaa butamanii dhabamaa akka jiran Maddeen keenya magaalaa Naqamtee irraa nu qaqqaban ifa godhanii jiru.
Eda galgala jiraataa naannoo Boordii irratti tarkaanfii gara jabinaa diinni fudhattullee maatiif hiriyoonnisaa qabsoo Ifaa Addisuun belbessaa ture
du’e lafa qabsiisuuf muranno guddaadhaan waadaa seenanii jiru Addatti haati Ifaa sa’aatii hospitaalaa baasanii ilma isaanii reeffa mana galchuuf jedhanitti bohichaa watwaatnaa ulfaataa keessa seenanii hanga maraatanif konkolaataan rukutuuf ka’utti kan gahan ta’ullee dhaadannoo “mucaako diinni si nyaatee” ,jechuun aariif dhikkifata isaanii ibsataa turaniiru.
