Godina Wallaggaa Aanaa Najjoo Keessatti Ummata Magaalaa Gorii Fi Warra Jirruu Jedhamu Walitti Buusuuf Jecha Dabballoonni Wayyaanee Wixxifataa Jiru.

Fulbaana 13,2016 Godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo bulchiinsa magaalaa  Warra Jirruu fi Goorii kan jedhaman giduutti mootummaan garboonffattuu Wayyaanee uummata naannoo sanaa walitti naquuf jecha halkaniifi guyyaa boqonnaa malee hojjechaa akka jiru bira ga’amee jira.
Haaluma kanaan yeroo ammaa kana gandoota kanneen lamaan giduutti loliisa uumuuf dabbaloota isaa naannichaa akka kakaasaa jiru beekame.

Gandoota kana Goorii fi warra jirruu jedhaman kana gidduuttis loliisa  uumuuf jecha caalmaa lafaa fi baayyina lafaa akkasumas baayyina uumataa abbaa qabuuf aanaa laana  jechuun uummata gandoota warra Jirruu fi Goorii jedhaman walitti naqaa akka jiru baramee jira.
Namoonni Gandoota kana lamaan gidduutti jibba fiduuf mootummaa Wayyaaneef amanamanii hojjechaa jiranis maqaan isaanii eeruudhaan nuqaqabee jira.
magaalaa warra jirruu keessaa:
1.Leencaa Amuumaa  Hojiinsaa bulchaa magaalaa warra jirruu.
2,Mitikkuu Namarraa Hojiinsaa dhimma nageenyaa
3,Amanuu Tamasgeen Gita hojii dhimma nageenyaa
4,Hiikamee Namarraa
Hojiinshee basaastuu.
Bifuma wal fakkaatuunis bulchiinsa magaalaa Goorii keessaas namoonni kunneen ilmaan Oromoo gandicha keessa jiran irratti duguuggaa sanyii raawwachaa akka jiran bira ga’amee jira.
Bifuma wal fakkaatuun kanneen  Magaalaa Goorii keessa  gocha diinummaa fi uummata walitti buusuuf hojjechaa jiranis:
1,Tasfaay­e Anbassaa Tookii  Hojiinsaa Itti Gaafatama waajjira Geejibaa A/Lataa Sibuu
2,Malkaamuu Alamuu  Hojiinsaa Kantiibaa magaalaa Gooriin kan tahe Muudama Kabinummaaf kaadhimamee kan jiru
3,Cuucee Efirem Ijjiguu  Hojiinshee Hojjettuu misooma Qonnaa
4,Baaqqalee Moosisaa – Gaheen hojii hin qulqulloofne
5,Caalii Jaallataa Lookoo Hojiinsaa Itti gaafatamaa MMD A/Lataa Sibuu
6,Bultii Mangistuu Tasammaa – Gaheen hojii ammaaf adda hin bane.
Namoonni maqaan isaanii armaan olitti eeraman kun  yeroo ammaa diddaa gabaa lagachuu guutummaa Oromiyaa keessatti gegeeffamaa ture gandoota kana lamaan keessattis didaan kun akka hojiirra hin ooleef uummata doorsisuufi hiisisaa akka jiran baramee jira.Bifuma wal fakkaatuun namoonni maqaan isaanii magaalota lamaan irraa eeraman kunneen yeroo ammaa kana diinaaf dugugguruu dugdaa ta’uudhaan kaayyoo diinni isaanitti kenne kenne fiixaan baasuuf jedhanii uummata godina Wallagga lixaa bulchiinsa magaalaa Warra Jirruu fi Goorii gidduutti dhimma aanaan wal qabsiisanii lola uummata gidduutti kaasuuf halkaniif guyyaa hojjechaa akka jiran bira ga’amee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s