Sabboontota Oromoo hundaaf!

Kumsaa Waliisoo Irraa
Akkuma beekamu, uummanni Oromoo erga waanjoo garbummaa jalatti kufee kunoo, jarraa gara jaarratti darbee, rakkinni, dararrii fi cubbuun irratti hojjatamaa jiru jabaachaa deemee seera koloneeffataa bira darbee gara seera appaartiiyidii fi faashistiitti jijjiiramee sadarqaa kanarra qaqqabeera.  Haa tawu malee, uummanni keenya garbummaa irra ture ‘marabba” jedhee fudhatee hin beeku.

Yeroo kana garuu, yoomiyyuu caala ilmaan Oromoo tokko taatee, toftaa fi tarsiimoo baafatee fi gorsiitoota fi maltoota (logistics) warra lixaatti fayyadamee uummata Oromoo dhala duguuguf hojii  faashistiin Tigree deemsisaa jiru fuuldura dhaabatee wareegama bilisummaa qofaan madaalamu wareegamaa jira. Akkuma hundinuu beeku, uummanni Oromoo carraa tokkittii qopha qaba. Lolatee of bilisoomsuu qofa.  Boodatti deebinaan, akkuma obboo Mallas (hoogganaan faashistoota Tigree duraa) waada galee “The majority will be the minority and the minority will be the majority in Ethiopia.” jedhee, sanyii duguggaa ilmaan Oromoo calqabe sana, dhumuu qofatu nu eega. Sabboontonni ilmaan Oromoo warri rakkina kana beekanii fi warri waan Tigreen uummata Oromoorratti hojjataa jirtu hubatan akkuma danda’anitti, kunoo, qabsoo itti fufanii lolaa jiru. Dirqama lammummaa ba’aa, hegeree ofiitti seenaa dabarsaa jiru.
Akkuma beekamu, gootichi Oromoo, Atileetin Fayyisaa Leellisaa Olompiikii Rio2016 irratti waldorgommii maratoonii, otoo sammuu isaa keessatti waayee rakkina obboloota isaarra gawuun cinqamuu muyachuun waan ajaa’ibsiisu tayee otoo jiruu, rakkina ilmaan Oromoo irra qaqqabaa jiru uummata addunyaa kanaatti agarsiisee jira. Kun immoo of kenna yookaa wareegama jecha kamiinuu ibsuu hin danda’amne.
Gooticha Oromoo, Leenca leenca calu kana daddafanii gargaaruu irratti warri bakka hundaa akkanatti birmatan heddu galanni isaan haa gawu jechaa,   gootichi kun waan harka guddaa uummata Oromoorraa qabuufuu, akka daandin magaalaa Finfinnee, andhuura Oromiyaa, daandiin dheeraan, “Daandii qubee (qalabat mangadii yookaa Ring road)” jedhamee waamamu akka maqaa gooticha goota caaluu maqaa Gooticha Fayyisaa Leellisaatin moggaafamu kabaja wajjinan isin gaafadha.
Injifannoo gootota Oromoof!
Injifannoo uummata Oromoof!
Tokkummaan keenya bilisummaa keenya!

Leave a comment