Warraaqsa biyyoolessaa FXG utuu wal irraa hin citiin ji’a sagalii oliif guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa tureen sirni Wayyaanee TPLF naasuu keessa seenuun waan qabdee lakkisu wallaalee uummata goolaa jira.
Guyyaa har’aa Fulbaana 5,2016 Baankiin daldala Ithiopiyaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa jiru guutummaan guutuutti duwwaa ta’uu irraan kan ka’e sirni Wayyaanee rifaatuu guddaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee goolaa jira.
Rifannaa isaa kana irraa ka’uudhaanis baankii keenya rakkoo konneekshiniitu mudate jechuudhaan maallaqa uummataa akka isaan hin fudhanneef dhorkaa jira.
Haaluma kanaan uummanni magaalattiis harki caalu maallaqni isaa waan dhowwatameef baayyee rakkachaa akka jiran bira ga’amee jira.
Uummannis morma keenya laanna malee maallaqa keenya fudhannu malee hin gallu jechuun mormii kaasaa jiraachuun dhaga’amee jira.


Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist