Hagayya 14,2016 Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun Walqabatee Addaatti Magaalootni Gurguddoo Oromiyaa fi Magaalotni Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman homaa waraana wayyaaneen shororkeeffaama jiru.
Sochiin warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa utuu wal irraa hin citiin ji’oota 8 guutuu gaggeeffamaa jiruun motummaan abbaa irree raafama ulfaata keessa seenuun kasaaraa Siyaasaa , Dinagdee fi hawaasummaa ulfaataa keessa seenee kan jiru abbaan Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF ummata Oromoo Uummata Sivilii mirgaa fi haqa dhugaa isaaf falmatu irratti hoomaa waraanaa bobbaasuun uummata shororkeessuu ittuma fufe jira . Magaalootni Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Sulultaa, Burraayyuu, Sabbataa, Holotaa, Aqaaqii Qaallittii, Duukkam, Galaan bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Laga Xaafoo laga daadhii fi Sandaafaa Hoomoo waraanaan shororkeeffamaa kan jiran Yoota’uu, Oromiyaan Bulchiinsa Waraana Wayyaanee Komand post ifatti labsiin jala erga galfamtee ji’oota 8 oli lakkoofsisaa kan jiru. Uummatni Oromoo fi goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo soda waraanaa gabrummaaf harka akka hin kennineefi hanga gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa uummata Oromoo deebii argatutti warraaqsaa irraa duubatti akka hin deebine diinaaf mirkaneessan.
Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa haalaa caalatti mootummaa wayyaanee kasaaraa guddaa keessa galchuu danda’uu fi aangoo irraa qaarisuu danda’uun jabaatee rogaa hundaan kan itti fufu malee shororkeessa waraana wayyaanee fi hidhaa jumlaa, ajjeechaa duguginsa sanyii wayyaaneen rawwachaa jirtuun kan hin dhaabbatne ta’uu Qeerroon bilisummaa Oromoo hubachiisa.
akkamiin qabsoo kanatti waliin wal gargaarree deemuun danda’ama
2016-08-15 10:39 GMT+03:00 QEERROO :
> Qeerroo posted: “Hagayya 14,2016 Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa > FXG daran jabaachuun Walqabatee Addaatti Magaalootni Gurguddoo Oromiyaa fi > Magaalotni Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman homaa waraana wayyaaneen > shororkeeffaama jiru. Sochiin warraaqsaa biyy” >
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist