Maqaan isaa Dr.Gabayyoo Jaallataa jedhama.
Kaninni itti dhalatee guddate godina Wallaggaa lixaa aanaa Gullusoo jedhamtu keessatti.
Ga’een hojii isaa Dookteerummaadhaan kilinika Abdii kan jedhamu magaalaa naqamtee keessaa naannoo Hoospitaala naqamteetti kan argamu keessatti ramadamee hojjechaa nama tureedha. Dr.Gabayyoo jaalataa xinnummaa isaa irraa ka’uun nama diinaaf harka hin laanne nama oromummaa isaatti boonee jiraatuu fi nama ilmaan oromoo akka lubbuu isaatti jaallatu keessaa nama tokko ture.
Haata’u malee yeroo darbe hiriira guddicha magaalaa naqamtee keessatti akka abidda saafaa belbelaa ooleen wal qabatee sababii inni oromummaa isaa jaallatuuf jecha akkasumallee ati dhoksaadhaan qeerroo mana hojii itti ramadamtee hojjettu keessatti ol seensistee walla’aansa gochaafii jirta maqaa jedhuun humni agaazii guyyuma hiriira guddichaa sana bakkuma hojiisaatii deemanii rasaasa itti roobsanii deemanii jiru.
Haa ta’u malee dr Gabayyoon yeroo sanaaf rukutamee hatattamaan gara hoospitaala naqamteetti ergamee yaaliin deddeebiin torban tokkoo oliif osooma godhamaafii jiruu hoomaayyuu fayyuu hin dadhabuurraan kan ka’e guyyaa har’aa jechuun Hagayya 15/08/2016 du’aan addunyaa kanarraa boqotee jira. Reeffi isaas gara bakka dhaloota isaa kan taate godina wallagga lixaa magaalaa gullusootti ergamee jira.
Qabsa’aan du’us qabsoon itti fufa.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist
Pingback: Oromia: #OromoProtests Alerts! Crimes Against humanity: Fascist Ethiopia’s regime has continued with mass killings of Oromo children, mass arrests and genocide against Oromo people. #OromoProtests | OromianEconomist
Pingback: Oromia: #OromoProtests Alerts! Crimes Against humanity: Fascist Ethiopia’s regime has continued with mass killings of Oromo children, mass arrests and genocide against Oromo people | OromianEconomist