Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

ABOUmmatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti hojjatamu ABO gadi jabeessee hubachiisa Hiraarri, cunqursaa fi saaminsi daangaa dabre ummatoota Itophiyaa hifachiisee hundinuu karaa adda addaa mormii isaa akka dhageessisu taasisuu irraa Itophiyaan Wayyaaneen bulfamtu yeroon itti tasgabboofte hin mul’atne. Sirni gabrummaa, bittaa abbaa irrummaan durfamu, ummatoota lafa irraa buqqaasuu dhaan ofii fi waaheloota isaa saaminsaaf hiriiran waliin ummatoota sadarkaa kanaan dura mul’atee hin beekneen hiyyoomse. Salphinaa fi gadadoo mul’atee hin beekneef saaxile. Haallan ummatoota irra gahan kanneen keessatti kan ummata Oromoo ammoo addatti ilaalama. Har’a ummatni Oromoo mirga seeraa fi uumaan qabu beekee yeroo kamiinuu olitti mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif aarsaa gosa hundaa baasuun fincillii fi qabsoon finiinsaa jiru ummata Oromoo, sabboontotaa fi kan haqaaf dhaabbatan mara boonsaa fi hawwataa jiraachuun haqa ifatti mul’ataa jiru dha. Ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota cunqurfamoo bittaa Wayyaanee jalatti hacuucamaa jiran maraaf fakkeenya tahuun mirga isaaniif akka falmataniif onnachiisee fincilaaf kakaasaa jira yoo jedhame dhugaa irraa fagaatuu hin tahu. Fincillii fi qabsoon ummata Oromoo ofii fi kanneen biroo biratti akka dhaga’amuu fi akka fakkeenyaatti akka ilaalamu kan taasisuu danda’e, ilmaan Oromoo, Gabrummaan nurratti haa dhaabbatu! Dhaaloota itti aanu gabrummaa hin dhaalsisnu! jechuun hogganummaa ABOn Qeerroo fi qabsaawota bilisummaa jalatti gurmaa’anii mootummaa abbaa irree irratti finciluu irraa ti. Sochiin FXG ABO karoorfamee Qeerron moggaafamee baatii sagalii oliif Oromiyaa guutuu keessatti adeemsifamaa jiru sadarkaa kana kan dhaqqabe aarsaa ulfaataa miseeesota ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo qofaan tahuun dagatamuu hin qabu. Fincilli eenyummaa Oromoo agarsiisee fi qabsoo ummata Oromoo boqonnaa haaraa seensise kun sadarkaa kanaan gahuuf marsaa fincilaa ammaa kana qofatti ilmaan Oromoo 800 ol tahan gatii lubbuu irratti baasuu irraa ti. Kumootaan kan lakkaa’aman wareega qaamaa fi qalbii waan baasaniifi. Kanneen manneen hidhaa faashistootaa keessatti gidirfamaa jiran kuma kudhanootaan lakkaa’aman sodaan alatti mootummaa kana dura waan dhaabbataniifi.Haala Yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

2 thoughts on “Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee Ibsa ABO

  1. guyyaa har’aa 06/08/2016 Arsii lixa magaalaa Qoreetti ganama sa’aatii 3:00 irraa jalqabee hirìirri xixxiiqa fi jeequmsi adda addaa akkasumàs sagaleen meshaalee waraana heddutu dhagahamaa jira.

Leave a reply to abdeta Cancel reply