Damee Boruun
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Adoolesa 17,2016 Daamsa Hatattamaa uummata Oromoo dabrsee jira. Waamchi yaroo isaa eegate waan dhufeef ilmaan Oromoo onnumaan fudhachuu qabna jedheen amana. Bakka jirru marati gamtaan saba keenya wajjin dhaabbachuu fi aarsaa barbaachisu keennuuf of qopheessuuu nu irraa eegama. Gummaachi qabsoo bilisuummaa saba keenyaaf goonu dacha dachaan dabaluu qaba.
Mootummaa faashitii ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessaa jiru kana wajjin qabsoo karaa nagaa ni goona jechuun funyoo mormatti of hidhanii of fanisuu irraa adda hin tahu. Mootummaan TPLF sagalee nagaan rakkina furuu jedhu hiikaa isaa hin beeku. Kan beeku afaan qawween furuu duwwaa dha. Mirga keenya meeshaa qabnu maraan karaa dandeenyuu falmachuun haqa dhalootaan qabnu yoo tahu Waaqayyos akka nuyi wajjin jiru dagachuu hin qabnu. Filmaatni qabnu humnaa fi meeshaa qabnuun diina faashitii kana of irraa ittisna yookaan duguugamnee baduu dha. Amma yoonaatti qabsoon keenya karaa ifa taheen filmaata kana lamaan keessaa murteefatee hin jiru . Garuu ammaan kana eejjennaan fudhatame jiraachuu saba Oromoof murteessaa dha.
Qabsoo bilisummaa biyya lafaa irratti godhame keessatti yarooitti uummatni bal’aan gartuu waraana xiqqoon aangoo mootummaa cabse aangoo qabate hin jiru. Hojiin humna garee waaraana uummata damaqisuu , ijaaruu fi dhidhachiisuu dha. Mootummaa kan humnaan cabsuu danda’u gaafa uummtni bal’aa gamtaan kaa’ee duraa dhaabbate qofa. Lolli bilisummaa lola uummata bal’aati malee lola humni muraasni mootumaa cabsee bilisummaa mirkaneessu miti. Haalli kun adda bahee hubatamuu qaba. Hojiin ijaarsaa daaba bilisummaaf dhaabbatee kaayyoo bilisummaa dhaabbateef irratti hundeefatee uummata bal’aa dhamqisuu , ijaaruu fi hidhachiisuuf qabsaa’uu dha. ABO waggaa afurtmaan darbaan kana keessaa qabsoo bilisummaa uummatni Oromoo har’a itti jirru kana argamsiisuu wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasee jira. Gootonni Oromoo hedduun itti aarsaa tahanii jiru. Damaqinsi uummata keenyaa sadarkaa har’a jiru kana irra gahuu kan danda’e tasa lafaa ka’ee akka hin taane bareechinee hubachuu qabana.Dhaamsi Hatattamaa Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama