Artist Birraatuu Lammaa du’aan boqote.

Artist Birraatuu Lammaa du’aan boqotee jira. Artistii Birraatuun bakka dhaloota isaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree ganda Tattafataa Tulluu Maraatti kaleessaa Adooleessa 20, 2016 addunyaa kan irra boqqotaniru. Sirni awwalcha isaanii boru gaafa Adoolessa 22, 2016 Walda Ortoodoxii Mikaa’ela Goobanitti rawwata. Waaqni maatiifi firoota isaaf jajjabina haa laatu jenna.

Aritis Birraatun sirboota beekamuun keessaa kan armaan gadii kana yaadattan jennee abdanna.

Yaa baallee sarariitii
maal yaadaa bulaniitii
namni yartuun nama miiti

 

1 thought on “Artist Birraatuu Lammaa du’aan boqote.

  1. Birraatuu Lammaa waaqxi lubuu isaa haamara. Bara 1975/1976 keeyssa Magaala shaambuu keeysatti Hawwisoo daddaraaroo “Kiilolee Horrooguduruu” kan jedhu Birruu Warquu fi Immiruu Ibsaa nuh ijaaranii turani. Kan ijoollee taane nuleenjise Birraatuu lamma ture. Dhugaadhumatti sammu ijoollumaa sanaan yeroon yaadadhu birraatuun goota goota caalu ture. Sodaa hin beeku. waan baayee irraa baranee waan abashaan nama gootu maltumaan. Isa booda Dargiin Dhiphoota jechuudhaan Birruu Warquu fi Immiruu Ibsaa qabanii Naqamte geesanii Ajeesani. Nutis akka itti hin fufne gufuu ta’an warri dargii. Isa booda Birraatuudhaan rakisuu, jereenya dhorkuutti gadi taa’ani. Namaa gadi isa godhani. Isa dhugaa yoo dubbanne Warri woyaanees kanum dura ture caala irratti gageesa turani. Nama yoo xiqaate wagaa 50 fi 60 ol waa’ee sabasaatiif otoo quuqamu fi nwaldhaansoo godhuu nama darbe. Tarre Goototaa geesatti yoo galmaa’ee hin itti xiqaata. Lubbuunsaa nagaan gootota wareegamaniiti haa makamu!

    B.B.K

Leave a reply to Kolbaa Cancel reply