Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Magaalaa Finfinnee fi Bulchiinsoota Magaalota Addaa Naannawwaa Finfinnee Keessatti Fufee Jira.

13516217_10102386915374253_6186638036544140732_nWaxabajjii 28-29,2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Magaalaa Finfinnee fi Bulchiinsoota Magaalota Addaa Naannawwaa Finfinneetti Daran Jabachuun itti Fufuun Warraaqsii kun Daran Jabaachuun Uummatni Poolisoota Federaalaa  uummata Ajjeesuu fi dhiiga dhangalaasuun warraaqsaa uummata dura kanneen dhaabbachuuf bobba’anb irratti tarkaanfii fudhateen  Poolisootni Federaalaa 4 Du’uufi 7 ol madaa’uu fi Uummatni nagaan namootni 17 olitti Kanneen Lakkaa’aman madaa’uun fi Motorri  codii gabateen ishee 4 A.A 03634 kan mootummaa taate  Irree uummataan barbadoofte, Daandiin Konkolaataa  Finfinnee Gara Adaamaa fi Bahaa Oromiyaatti geessuu bakkoota hedduutti  goototaa dargaggoota Oromnoon cufamee oleera, Warshaan Ispoonjii Zaamuura tti jedhamu Magaalaa Duuklam Keessatti kan Argamuus  barbadaa’era.!
Kutaa Bulchiinsaa Naannoo Oromiyaa suuta suuta Magaalaa Finfinnee jala galfaman  Laaftoo, Labuu, Qarsaa  fi Hannaa Furii jedhamanitti 13524443_10102386976027703_8814025728652017121_n Warraaqsii kun kan Daran jabaatee yoo ta’uu Uummatni ukkamsaan, Duulli Diigumsaa manneen jireenyaa fi Qe’ee nurraa haa dhaabbatuu Gaaffii mirgaaf ajjeechaan, hidhaa fi ukkamsaan deebii hin ta’uu jechuun warraaqsaa finiinsan. Haaluma kanaan Uummatni Oromoo fi Sabaaf sabvlamootni Cunqurfamoon biyyatti bifa dammaqinsa qabuun akka mirga isaaniif falmataniif Qeerroon bilisummaa Oromoo mariisiisaa kan turee fi barruulee warraaqsaa yeroo yeroon uummataaf tamsaasaa kan ture yoo ta’uu, haalaa Warraaqsaa FXG irrattis sabboontoota Uummata Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinneetti Marii gochuun Ibsa waliigalaa Warraaqsaa FXG jabeessuu dabarfachuu Qeerroon ifa gochuun ni yaadatama. Ammas Uummata Qawween fi loltuun cabsanii bituun takkaa hin danda’amu, qe’eef qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba, Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof Deebiin sirnaa kennamuu qaba Hidhamtotni oromoo gaaffii tokko malee hiidhamuu qabu, Kanneen Wareegamanii fi madeeffamaniif mootummaan gumaa kanfaluu qaba!!, kanneen qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqifaman qe’ee isaaniitti deebiufamuun beenyaan haamilee kanfalamuu fi qaba!! Mootummaan Ce’umsaa haa hundeeffamu, Waraannii Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF Oromiyaa gadhiisee bahuu qaba! Waraannii Wayyaanee, poolisootnii, hidhattootni fi humnootni tikaa wayyaanee uummatatti dhukaasuun uummata irraa dhalatan dhiigsuu, ajjeessuu fi ukkamsuu irraa  of dhaabuun gaaffii uummataa dhaggeeffachuun cina dhaabbachuu malee adeemsii amma waraanaan fudhatamaa jiru furmaata tokko illee kan hin finne ta’uu qeerroon hubachiisa jira!!

1 thought on “Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Magaalaa Finfinnee fi Bulchiinsoota Magaalota Addaa Naannawwaa Finfinnee Keessatti Fufee Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s