Waxabajjii 16-17/2016 Godina Lixa Shagar  Ambootti  Goototni Barattootni Oromoo M/B Amboo Sadarkaa 2ffaa Fi Qophaa’inaa Qormanni Kutaa 12ffaa Utuu Nuti Hin Baratiin Nuuf Kennamuuf  Jiru Kun Kan Keenyaa Adda Ta’uun Nu Midhuuf Kan Karoorfamedha Jechuun Warraaqsaa
FXG Finiinsan.
Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa utuu hin baratiin nuuf kennamuuf jiru kun akka guutuu biyyattiitti j`alqaba baatii Adoolessaa kennamuuf kan jiru Kana Godina keenyaa Addatti  M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Maneen Barnootaa tokko tokkoo keessatti guyyaa adda ta’eetti kennuuf karoorfachuun kan nu miidhuuf karoorfamee fi nu shororkeessuu malee bu’aa tokkoo iyyuu hin qabuu waan ta’eef  yoo kan qoramnu ta’ee haaluma wal fakkaatuun qoramna malee ofumaa itti fakkeessiif guyyaa adda ta’etti qabuun kun bu’aa hin qabu jechuun gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun deebii waan dhorkatamaniif warraaqsaa keenyaa daran jabeessuun itti fufuun uummata Oromoo hundaaf furmnaata jechuun Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXG bifa adda ta’een Waxabajjii 16/2016 irraa eegaluun kan qabsiisaan guyyaa har’a Waxabajjii 17/2016 warraaqsaa FXG daran jabeessuun sagalee daadannoo guddaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi dhala namaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, abbaan irree qawween nu bulchaa jiruu aangoo irraa haa kaafamu jechuun mormii isaanii jabeessan.
Motummaan bakka bu’insa uummataa hin qabne abbaan irree Wayyaanee akkuma amala isaa loltoota agazii barattootatti  ol seensisuun gaazii
summaa’aa nama imimmeessuun irratti dhukaasuun barattoota hedduu akka malee reebuu fi madeessuun, kaan immoo hidhatti ukkaamsuun gabaafame jira.

Director M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa kan ta’ee Namni Ambassee Tulluu jedhamuu waraana agaazii barattoota qalama malee waatu of harka hin qabnetti seensisuun yakka waraanaa barattoota irratti rawwachisaa jira. Namni Ambasee Tulluu jedhamu kun asiin Fuldura bara 2013 yeroo Directora Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina turettis barattoota Oromoo 30 Ol barnootarraa guutummaatti kan arii’achaa turee fi bara kana illee Barattoota Oromoo 8 M/B Amboio sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa maqaa barattootni kun shororkeesitoota jedhuun dabarsee diinatti kennuun kaan hiisisee kaan barnootarraa arii’achuun daba daangaa hin qabnee barattoota Oromoo fi barsiisota Oromoo irratti dalaguun kan beekamu waan ta’eef uummatni Oromoo sabboontootni Oromoo lukkee diinaa kana irraa of eegachuu fi bakka argameetti gumaa barattoota Oromoo bara dheeraa akka bahaattan dhaamsii Oromomummaa isiniif dabarfamee jira. Warraaqsii itti fufa, garboomsaan ni kufa!!

Leave a comment