Haxxummaa fi Malaamaltummaa Mootota Habashaa

Damee Boruu irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Mootonni Habashaa haxxummaa fi malaamaltummaan akkataa itti uummata cabsuu fi bituu danda’an wal duraa booda wal irraa barachaa, wal dhaalaa amma guyyaa har’aa gahanii jiru. Malaamaltummaan tokkoof hojjete isa biraa hin hojjetu. Inni  Itti aanu immoo haxxumaa biraan as bahuu qaba.

Haayile Selaaseen Mo’aa Lenca Yihuundaa Mootii moototaa kan Waaqayyon muude godhee of dhiyeessaa ture. Haxxummaa kana keessaa  bu’ura dubbii guddaa lamatu jira. Inni duraa kan Waaqayyo muude namni xuqquu hin danda’u yaada jedhuuf kan xiyyeefatame dha. Inni  lamaffaa  Lunca Yihuudaa yaroo jedhu an isin keessaa iyyuu hin dhalanne, isin bituuf ergamaa Waaqayyoo waanan taheef  na sodaachuu fi na kabajuu qabduu dha. Kunis uummata bitaa jiru irratti humna aangoo akka kennuuf kan tilmaame dha .  Kana irratti Haayile Selaaseen ofumaanuu  an jedhee  of hin waamu. Yaroo hundaa nuyi jedhee of waama.  Maal jechuu isaati? Tokkoo isa inni lamaffaa eenyuu?  Waaqa isa muude jechuu isaati laata? Jechi isaa kun mala guddaa of keessaa akka qabu ni agarra.

Amma fedhe iyyuu uummatni Ormoo haa saamamu, haa cunqursamu , haa tuffatamuu, haa dhiitamu malee aadaa fi hooda isaa qabatee jira. Jaarsaa fi jartiin, ayyaantun, Sheekni, lubni Oromoo uummata isaanii birati dhageetii fi ulfina guddaa qabu. Isaan utuu jiranii waan aadaa Oromoo keessatti safuu fi laguu tahe hojjechuun yakka. Uummatni isaanii mootummaa caalaa isaan dhaga’a. Yaroo Motummaan Haayilee Selaasee duloomee kufuuf jedhu gara dhuma bara kudha sagaliif jaatamaa keessa, jireenyi hedduu mi’a tahe. Qareen heerumuu dhabde. Qeerroon fudhuu dadhabe. Hattuun biyyaa saamuu hojii godhate. Shiftaan biyya goole. Haxxummaa fi Malaamaltummaa Mootota Habashaa

Leave a comment