Mahaammad Alii adda kan taasisu, kabajaa spoortiin argate, meeshaa qabsoo taasisuu isaa ti: Atileetoti Oromoo hoo?

FILE - In this May 25, 1965, file photo, heavyweight champion Muhammad Ali is held back by referee Joe Walcott, left, after Ali knocked out challenger Sonny Liston in the first round of their title fight in Lewiston, Maine. Ali, the magnificent heavyweight champion whose fast fists and irrepressible personality transcended sports and captivated the world, has died according to a statement released by his family Friday, June 3, 2016. He was 74. (AP Photo/File)

Mahaammad Alii, leencichi booksii addunyaa, waggaa 74faatti, dhukkubaan guyyaa gaafa 4/06/2016 du’aan boqote. Mahaammad Alii, gurraacha Afriikaa ta’ee, biyya Ameerikaa, kan  gurraachi Afriikaa keessatti  tuffatamuu fi namaa gaditti ilaalamu keessatti  dhalatee  waan guddateef, carraan itti dandeettii  ofii guddifatan haalaan xiqqaa  ture. Haa ta’u malee, daangaa sanyummaa sirni Ameeriikaa, gurraacha Ameerikaa fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, obsaa fi muratnoodhaan kukutee, Mahaammad Alii, dorgommii booksiitiin addunyaa irratti marroo sadiihiif tokkoffaa ta’e.Biyya guddoo  abdii kutachiisaa fi gurraacha ta’uun homaa ta’uu akka hin dandeenyetti fudhatamu keessatti, Mahaammad Alii,  booksiidhaan addunyaa irratti tokkoffaa ta’uun, of tuffii fi abdii kutannaa mataa Afriikaanota Ameerikaa keessaa kan haqe qofa osoo hin taane, sanyummaan sirni Ameerikaa, gurraacha fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, jabina gurraachi Afriikaa qabu akka hin caalle kan mirkaneesse ture.  Gurraacha ta’uun, dandeetti homaatuu dhabuu fi ergamtummaa qofaaf kan  itti  yaadamu biyya Ameerikaa keessatti, Mahaammad Alii, qabsoo  cimaa geggeesseen spoortii booksiitiin tokkoffaa ta’ee addunyaa irratti beekamuun, olaantummaa fi tuffii faranjii injifachuuf gurraachi dandeetti akka qabu, akkasumas, gadi qabaa fi tuffiin faranjooti irratti geggeessan  yoo irraa ka’e, gurraachi Ameerikaa guddachuu akka danda’u  mirkaneessee gurraachi Afriikaa, Ameerikaa keessa jiraatu mirga isaatiif akka falmu kan godhe  qofa osoo hin taane, akka Mahaammad Alii booksitiin  injifate, biyyooti  Afriikaa muratnoodhaan yoo lolan, gabroomfattoota Awurooppaa injifatanii bilisummaa isaanii gonfachuu akka danda’an   hamilee fi  ilaalcha of irratti abdachuu biyyoota Afriikaa  keessatti illee kan  uume ture.  Mahaammad Alii, maatii hiyyeessaa keessatti kan dhalate qofa osoo hin taane, biyya tuffii fi gadi qabaan gurraacha irratti geggeeffamu keessatti spoortii booksiin addunyaa irratti tokkoffaa bahuun, biyyoota Afriikaa keessatti illee dorgommiin booksii akka babal’atu taasieera.Mahaammad Alii adda kan taasisu

1 thought on “Mahaammad Alii adda kan taasisu, kabajaa spoortiin argate, meeshaa qabsoo taasisuu isaa ti: Atileetoti Oromoo hoo?

Leave a reply to wordi Dire-Ibada Cancel reply