Mahaammad Alii, leencichi booksii addunyaa, waggaa 74faatti, dhukkubaan guyyaa gaafa 4/06/2016 du’aan boqote. Mahaammad Alii, gurraacha Afriikaa ta’ee, biyya Ameerikaa, kan gurraachi Afriikaa keessatti tuffatamuu fi namaa gaditti ilaalamu keessatti dhalatee waan guddateef, carraan itti dandeettii ofii guddifatan haalaan xiqqaa ture. Haa ta’u malee, daangaa sanyummaa sirni Ameeriikaa, gurraacha Ameerikaa fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, obsaa fi muratnoodhaan kukutee, Mahaammad Alii, dorgommii booksiitiin addunyaa irratti marroo sadiihiif tokkoffaa ta’e.Biyya guddoo abdii kutachiisaa fi gurraacha ta’uun homaa ta’uu akka hin dandeenyetti fudhatamu keessatti, Mahaammad Alii, booksiidhaan addunyaa irratti tokkoffaa ta’uun, of tuffii fi abdii kutannaa mataa Afriikaanota Ameerikaa keessaa kan haqe qofa osoo hin taane, sanyummaan sirni Ameerikaa, gurraacha fi faranjii Ameerikaa gidduutti uume, jabina gurraachi Afriikaa qabu akka hin caalle kan mirkaneesse ture. Gurraacha ta’uun, dandeetti homaatuu dhabuu fi ergamtummaa qofaaf kan itti yaadamu biyya Ameerikaa keessatti, Mahaammad Alii, qabsoo cimaa geggeesseen spoortii booksiitiin tokkoffaa ta’ee addunyaa irratti beekamuun, olaantummaa fi tuffii faranjii injifachuuf gurraachi dandeetti akka qabu, akkasumas, gadi qabaa fi tuffiin faranjooti irratti geggeessan yoo irraa ka’e, gurraachi Ameerikaa guddachuu akka danda’u mirkaneessee gurraachi Afriikaa, Ameerikaa keessa jiraatu mirga isaatiif akka falmu kan godhe qofa osoo hin taane, akka Mahaammad Alii booksitiin injifate, biyyooti Afriikaa muratnoodhaan yoo lolan, gabroomfattoota Awurooppaa injifatanii bilisummaa isaanii gonfachuu akka danda’an hamilee fi ilaalcha of irratti abdachuu biyyoota Afriikaa keessatti illee kan uume ture. Mahaammad Alii, maatii hiyyeessaa keessatti kan dhalate qofa osoo hin taane, biyya tuffii fi gadi qabaan gurraacha irratti geggeeffamu keessatti spoortii booksiin addunyaa irratti tokkoffaa bahuun, biyyoota Afriikaa keessatti illee dorgommiin booksii akka babal’atu taasieera.Mahaammad Alii adda kan taasisu

Galata qabdu