Caamsaa 22/2016 Godina Booranaatti Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Bulee Horaatti Bifa Qindaa’een Yeroo Jalqabaatif Gootota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Bulee Horaatiin Kabajame!! Ayyaanni Irreechaa kuni akka hin milkoofneef waraanni mootummaa Wayyaanee barattootni akka mooraadhaa hin baane dhorkuu yaalus goototni Barattoota Oromoo Yuunibarsiitichaa gootummaadhaan fuuldura dhaabbachuudhaan bahanii kabajataniiru. Yaa tahu malee, waraanni mootummichaa ummatni naannichaa bahanii akka hin irreeffanne dhorkuudhaan Abbootiin Gadaa qofti barattoota waliin bahanii irreeffatan. Itti dabalees, walleewwan warraaqsaa akka hin sirbamne dhorkuuf akka mijatutti barattoota irraa waraqaa eenyummaa (ID Card) funaanaa turaniiru. Irreechi Irree Keenya!!Godi
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist