Daandin guddichi magaala Najjoo irraa gara Beneshangul fudhatu Qeerroodhaan cufame. Wallagga lixaatti eda halkan caamsaa 8/2016 Qeerroo aanichaan daandii guddaan gara naannoo Beneshangul geessu cufamee jiraachuu har’a Qeeroon gabaasee jira. Daandiin cufame turtii guyyaa tokkoo booda humna waraana wayyaaneetiin akka banamu tahe.
Akkasuma godina wallagga bahaa magaala Naqamteettii Alaabaan keenya (ABO) fannifamee halkan edaa buleera. Akkasuma waraqaaleen adda addaa haluu alaabaa irraa qophaaween fi mukarraas hojjetame magaala magaala Naqamtee keessa faca’uu Qeerroon gabaasee jira. Wayita kana
barattootni manneen barnootaa keessatti dhaadannowwan
– BILISUMMAAN GEESSETTI
– YAA OROMOO MAALIIF TEESSA KA’I BILISUMMAAKEE GONFADHU
– QABSOON KEENYA YOOMILLEE HIN DHAABBATU
Jedhanii guyyaa guyyatti sa’a mana barnootaa seenanitti gurraa uummataa dhageesisuudhan kaasuu fi diina dura dhaabbatanii FXG kana galmaan gahuuf cichoominaan barataan murteeffatee itti jiraatuu odeessaan Qeerroo addeessa. Wallagga bahaa fi wallagga lixaatti daandiiwan konkolaataa garagaraa cufamuudhaan kara darbaa diina dhorkataa jiraatuun uummataa fi Qeerroo gabaafamaa jira. har’as haaluma kana fakkaatuu fi jabeessuun itti fufuun gabaafame. Naannoo Amaaratti godina kaaba Gondoritti naannowwan adda addaatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhatuu fi uummannis mootummaa wayyanee hin barbaannu jechuun walgahii fi gibira kaffaluu dhaabaniiru.
Hidhattootni mootummaas yeroodhaa yerootti naannoo Amaaratti tarkaanfiin irratti fudhatamuun FXG oromiyaa keessatti adeemsifamaa
jiru fakkeenya fudhachuun naannoo Amaaraas ji’ootaan kan lakkaawan itti fufanii jiru.
OROMIYAA GODINA HUNDAATTI FXG WAAN ITTI FUFAA JIRUUF WARAANNI WAYYAANEE MEESHAA GURGUDDAADHAAN OROMIYAA KEESSSA AKKA SAREE MARAATUU TAATEE OFLII FI GADI FIIGAA JIRTI INJIFANNOON QEERROON GALMEESSAA JIRU
HANGA BILISUMMAATTI KAN JABAATEE ITTI FUFU TAHUUN SHAKKII HIN QABU.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist