Goototni Hoggattootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Warraaqsaa (FDG-FXG) Qeerroon daraggootni Oromoo , sabboontootni goototni Oromoo fi goototni Barattootni Oromoo sadarkaa adda addaa irratti walitti dhufuun Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) dungoo halluu Diimaa Magariisaa Diimaa qabu halluu alaabaa ABO qabsiifachuun seenaa gootota Oromoo Kaleessaa fi Har’aa waliif ibsuun Kaayyoon Goototni Oromoo irratti wareegamaanii fi wareegamaa jiran tokkicha ta’uu fi kayyoo haqaa kan dhugaa bilisummaa saba Oromoo hunda hammatee ta’uu ifa waliif gochuun kayyoo Goototni Oromoo Irratti wareegamaa qalii kanfalaa jiraniifi nuti dhalootni har’aas xummura itti gochuuf wareegama qaalii kan itti kanfalaa jirruu fi Uummatni keenyaa Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa keessatti Warraaqsaa FXG keessatti qooda olaanaa kanfalaa jiraachuu waliif ibsuun FXG marsaa 5ffaa Guyyaa Gootota Oromoo Sababeeffachuun qabsiifamee finiinfamaa jiruu daran jabeessuun abbaa irreetti xummura gochuuf Irbuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaromsachuun bifa Adda ta’een Kabajamee jira!! Goototni Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Daragaggootni Barattootni Oromoo
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist