Ebla 5,2016
Tibba kana mootummaan shirorkaa Waayyaanee hanqina Baajetaa mudateen gama baajeta kana deeffatu dhabee watawatuurra taree dirqiin bakkeewwaan hedduutti saamicha gaggeessaa jiraachuu dhaga’ame.
Haaluma kanaan Godina Jimmaa Aanaa Hoomoon naaddaa Gandoota Baadiyyaa keessatti Uummata gowwomsuuf kan dides doorsisuun deggarsa mootummaa keenyaa taasisa yaada jedhuun Uumatarraa dirqamaan qaamni OPDO funaana jiraachuu jiraattonni achii nii dubbatu.
Ta’us haalli fi saamichi Mootummaa haaraa ta’uu baatus kallattiin ykn dirqamaan Jumula fayyadamanii qote bulaa ganamaa galgala dafqa Xuruurfata oolu firii waggaatti argatus hedduu mootummichaaf kan galchu Kaan boosisanii kaan doorsisanii Saamicha kallattii gaggeessuun waan furmaata fiduuf hin fakkaatu. Jiraattonni kunniin yeroo Qeerroon achii haasofsiisaa turetti “kaan yeroo dhuma sana wal irraa liqqeffatee kaffalate,kan akka keenyaa kan hin qabne dirqamaan qarshii 500n(dhibba shan) akka nuuf fiddan nuu mallateessaa jechuun mallateessineefii jirra.Ammas yeros sodaaf jecha haa mallateessinu malee akkamiin akka of irra xumurru yaaddoo keessa nu seensise”jechuun imimmaan haqachaa akka dubbatan gabaasi achii nu ga’e ifa taasisa. Qeerroo Oomoon Naaddaarra