Humni Liyyuu Haayil Jedhamu Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Wareru Iyyuu Gootonni Qeerroon Yuniverstii Wallaggaa Galgala Kana FXG Itti Fufan!

Bitootessa 30,2016 Fincilli xumura garbummaa galgala kana Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo isheetti bifa haaraan dhohee jira.Dhaadannoo jajjaboon baratoota galgalaan mooraa fuula duraa dhaga,amaa jira .Baratoonni heeduminaan mooraa gad lakkisuun gara uummataatti baqachaa jiru.Poolisii Oromiyaa fi humni federaalaas halkan kana baratoota karaa nagaa gaaffi gaafatan irratti dhukaasa banuun baratoota goolaa jira.Baratoonni heedduunis yeroo ammaa kana mooraa yuunversiitichaa fuulduratti reebamaa jiru.

2 thoughts on “Humni Liyyuu Haayil Jedhamu Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Wareru Iyyuu Gootonni Qeerroon Yuniverstii Wallaggaa Galgala Kana FXG Itti Fufan!

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment