Haragee bahaa aanaa Fadisitti hawaasni, manguddoonni, dargaggoonni,hojjattoonni fi jiraattonni aanichaa marti obsa kan fixatan warraaqsa isaanii guyyaa kaleessaa irraa jalqabee haga arraatti , jechuunis guyyaa lamaaf 29/3/2016 fi 30/3/2016 ksan itti fufe yeroo ta’u, amma guutummaa guututti, bulchaa aanaa obbo Musxafaa Mahammad dabalatee kaabinoota hunda hojii irraa akka dhaabbatan taasifamanii jiru. Dabalataan, bakka bu’ummaan kanneen godina irraa warraaqsa kana dhaamsuuf kan argaman, namoonni maqaan isaanii 1. Xilaahun fi 2, Bushraa kanneen jedhaman haga namoota isiniif bakka buufnu koreen mari’annee xumurrutti bulchaa keessan kabajjanii hojiin haadeemu jedhanillee, garuu hawaani hin barbaannu jechuun mormanii jiran.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist