FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

stFincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.

1 thought on “FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment