Guyyaa Har’aa Bitootessa 12,2016 Barruuleen warraaqsaa Yuniversitii Wallaggaa Keessatti Raabsamaa Jira.FXG Itti Fufe.

Wallagga Wallagga2Bitootessa 12/­2016 FXG Yuunversiitii Wallaggaa keessatti ittifufe.Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.Duulli barnoota dhaabuu kun edda jalqabee gu har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Guyyaa hara,a kanas ganama irraa ka,uun waraqaan Qeerroo guutummaa yuunversiitichaa keessa raabsamaa waan ooleef yeroo ammaa kanas hoomaan waraanaa Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaanmooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonnifederaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akkadoorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .

1 thought on “Guyyaa Har’aa Bitootessa 12,2016 Barruuleen warraaqsaa Yuniversitii Wallaggaa Keessatti Raabsamaa Jira.FXG Itti Fufe.

Leave a reply to Jamaal mahaammad Cancel reply