Finfinnee Har’a Rakkoo Geejibaan Uummanni Osoo Hin Jaallannee gara FXGtti seenee Jira

Magaalli Finfinnee har’a ganama irraa kasuudhan haala suuraa kana ibsuun bakka hundaatti mul’attee jirti. Geejjibni tajaajila dhaabuu irraan kan ka’e magaalaan FF haala kana keessa kan seente yoo tahuh humni waraana wayyaanee bakka jiruu bahee daandii guutee jira uummata eegaa jira. Uummanni lafa barii ganama sa’a 12 irraa kaasuun haala kana keessa jira. Bakka hedduuttis mormiin uummataa itti fufaa gaaffiin uummataa jiraattoota magaalaa Finfnnee keessaa hojjetoota dabalatee mootummaa mudduu irratti argamti. Godinoota addaa kanneen akka Sabbataa, Laga Xaafoo fi Sulultaa kanaan wal qabsiisuun uummanni gara FXGtti makamee jira. Magaalli finfinnee guutummaatti waraana wayyaanee fi poolisii Finfinneen dhuunfatamtee jirti.gabaasa addaaf waliin walitti deebina.

2 thoughts on “Finfinnee Har’a Rakkoo Geejibaan Uummanni Osoo Hin Jaallannee gara FXGtti seenee Jira

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a reply to Abdii Cancel reply