Waamicha Qabsoo Ficila Xumura Gabrummaa Itti Taasifnu Uummata Oromoo Maraaf Ta’e.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waamicha  Qabsoo Ficila Xumura Gabrummaa Itti Taasifnu Uummata Oromoo Maraaf Ta’e.

Gurraandhala 25,2016

Akkuma beekamu FXG Oromiyaa keessatti Qeerroo fi Uummata Oromootiin gaggeeffamaa jiruun, qindeessitoota Warraaqsa Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Diimokiraasii (Qeerroo Bilisummaa) fi humna FXG kanaatin injifannoo guddaan argame galata hoggana abbaa qabsichaa dhaaba keenya ABOfis jechaa; Qeerroon Bilisummaa waamicha qabsoo kana dabarsa.

Wayita ammaa kana FXG Oromiyaa keessatti finiinaa jiruun ilmaan Oromoo hedduun wareegama qaqqaalii lubbuu dabalatu itti baasaa jiru. Wareegamni ulfaataan kun bilaaasha baafamaa hin jiru. Injifannoo gurguddaa Xumura gabrummaa dhiyeessisan galmeessisaa waan jiruuf seenaa keessatti yoomiyyuu kan hin dagatamnee fi bakka olaanaa qabaatuu dha.

Kanaaf,

  1. Uummanni Oromoo godinaalee Oromiyaa mara keessa jiraattan, addatti qonnaan bultootni Oromoo ilmaan keessan falma hadhaawaa diina afaan qawweetiin duguuggaa sanyii nurraatti labse dura dhaabbatanii wareegamaa qaalii baasaa jiran cina akka dhaabbattan waamicha FXG isa dhumaa isiif dabarsina. Waamicha kana gaafa labsinu qotatee bulaan kamuu bakka jiruu ka’ee FXGtti makamuudhaan mootummaa abbaa irree wayyaanee ofirraa galchuuf dargaggoota keessan bira akka dhaabbattan waamicha keenya irra deebinee dabarfanna.
  2. Barattoota manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran maraaf;- Godinaalee Oromiyaa muraasa keessatti barattootni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaa barumsa dhaabuudhaan FXG finiinsuun wareegama guddaa kaffalaa injifannoolee cululuqoo akka Sabaatti itti boonnu galmeessisaa jiru. Humni tokkoome salphaatti diina ofirraa buqqisa. Kanaaf barattootni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, qopyaahinaa akkasumas dhaabbilee olaanaa koolleejjii fi yuuniversitii Oromiyaa fi Finfinnee dabalate keessaa barattan hundi tokko Qabsoo bilisummaatti makamee lubbuu isaa utuu dhabuu kaan ammoo barumsatti hirmaachuun umurii diinaa nurratti dheeressuu waan tahuuf barataan kamuu bakka jiruu FXGf dursa kennee gara Qabsoo makamuu akka qabu Qeerroon Biisummaa waamicha dabarsa. Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoof

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s