Waamicha Eenyummaa Ummata Oromoo Magaalaa Jimmaa Hundaaf! Waamichi Ulfina, Irraa Hafuutu Salphina!!

Guraandhala 25/2016

Waamicha Eenyummaa Ummata Oromoo Magaalaa Jimmaa Hundaaf!

Waamichi Ulfina, Irraa Hafuutu Salphina!!

Akkuma beekamu sochiin FXG ummatni Oromoo mootummaa abbaa irree wayyaanee irratti gaggeessaa jiru baatii afur lakkoofsiseera. Sochii ummatni Oromoo gaggeessaa jiruunis barri olaantummaa murna yartuu gabaabbachuutti, aduun bilisummaa ummata balaaf bahuutti dhiyaachaa jira. Akkuma Oromiyaa kutaawwan biroo sochiin FXG gidduu kana Godina Jimmaa aanota tokko tokkotti eegalamee jira. Mootummaan wayyaanees sochii ummatni keenya gaggeessaa jirutti rifachuudhaan waan qabuu fi gadi dhiisu wallaaluudhaan yeroo ammaa kana raafama guddaa keessa galee jira. Haaluma kanaan Godina Jimmaattis mormii guddaan muudachuu dandaa jechuun mootummaan wayyaanee sochii ummatichaa danquu fi karaa miidiyaa dharaan ittiin hololuuf akka tolutti guyyaa boruu jechuunis Guraandhala 26, 2016 (Jimaata) ummata Magaalaa Jimmaa walgahii ariifachiisaa jechuun Galma Gibeetti waamee jira. Kanaafuu, ummatni Oromoo magaalicha keessa jirtan walgahii mootummaan gabroomfataa wayyaanee umrii isaa ittiin dheereffachuuf waame kana mormiitti akka jijjiirtan waamicha eenyummaa isiniif dhiyeessina.

Yeroo haraa Oromoo fi Oromiyaarratti mootummaan wayyaanee waraana ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa, dhiiraa fi dhalaa, jaarsaa fi jaartii, dubartii ulfa osoo hin jedhin dhiiga dhangalaasaa, lafee caccabsaa, madoo fi qaama hiruu taasisaa kanneen hafan mana hidhaatti guuraa jira. Kanaaf, ummatni Oromoo Jimmaa yeroo Oromoorratti waraanni labsamee jirutti sababni diina waliin teessanii dhimma Oromoo fi Oromiyaarratti mariattaniif hin jiru. Diinni Oromoo isiniifis boru diinuma, Oromoodhumatu isiniif dhiiga! Waliif haa birmannu!

Ummatni Oromoo Godina Jimmaa sirna nama nyaataa wayyaanee irraa miidhaa yoo taeen ala faayidaa argate tokkollee akka hin qabne hubadhaa! Oromoon kan dhiiga dhangalaasaa jiruuf biyya ofiirratti hiree ofiin of bulchuu murteeffachuuf, qabeenya ofiirratti abbaa qabiyyummaa eenyummaa tikfachuuf, biyya ofiirratti abbaa biyyummaa gonfachuuf malee daangaa namaa dhiibuuf ykn qabeenya namaa saamuuf ykn immoo mirga namaatti buuuf akka hin taane hubadhaa! Kanaafuu, irra deddeebiuudhaan isinis biyya ofiirratti abbaa biyyaa tauuf, hiree ofii ofiin murteeffachuuf waamicha eenyummaa ummatni Oromoo isin waamaa jirurratti argamuudhaan diinarratti sagalee keessan akka dhageessistan jechuuf isin beeksifna! DIINATTI WAAROO SALPHINAA AKKA UFFISTAN NI ABDANNA!!

Dubbiin baayatteef harreetti hin fean akkuma jedhamu sana, haala Oromiyaa fi Oromoon keessa jiru gurraa ni qabdu, ijaanis ni argitu! Gumaacha eenyummaa keessan bahaan waamicha keenya!!

Waamichi Ulfina, Waamichaa Irraa Oolutu Salphina!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa!!

Injifannoon Ummata Oromootiif!!

Qeerroo Dargaggoota Oromoo Magaalaa Jimmaa Irraa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s