Yabee YabeeeloGuraandhala 25/2016 Godina Booraanaa ona Yaabelloo keessatti kaleessa FXG qonnaan bulaadhan eegale har’a bal’achuudhaan barattoota manneen barnoota sadarkaa hundaatti itti fufee jira. Amma sa’a kana aanaa Yaabelloo keeysaatti dhiiraa fi dhalaa guddaa fi xiqqaa osoo hin jennee daandiin cufamee dhaadannoo sagalee guddaa fi tokko taheen dhaga’amaa jira.
– Yaa oromo isaa hoomaan bulu ka’I mirgakee falmadhu,Bilisummaakee gonfadhu
– Dacheen dachee oromoo malee kan Tigre miti
– Oromiyaan bilisoomuu geesseetti
– Uummata xiqqaadhaan hin bitamnu
– Ka’I Qeerro hin kaanaa
– Abbaan biyyaa ABO dha
– WBOn hirkoo keenya abdii Kenya
Jechuudhan amma sa’a kana sagaleen Qeeyroo fi uummata guddaaa Boorana aanaa Yaabelloo keessaa dhaga’amaa jira.
Waraanni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Sumaalee irra jiru garasitti fe’amaa jira. FXG itti fufti.

1 thought on “

  1. Boorana Hangafa Oromoo akkasi malee ijoolee qeerroo diina rommee jira. Ergaan dabarsuu tokko yoo jirate karaa Boranaa TPLFiin hodhatoota Somaaleetti fayyadamuu barbaada, Oromoon Ala jiran ONLF waliin mar’atamee akka furmaata argatu osoo ta’ee gaariidha

Leave a reply to Boru Cancel reply