Ajjeechaa fi Hidhaan Gara Jabinaa Mootummaa Wayyaanee Marraa kana Kufaatii Irraa hin Oolchu.

(Ibsa ABO irraa kenname)
ABOMootummootni Itoophiyaa bulchaa turanii fi yeroo ammaa empaayera humnaan dhaale bitaa kan jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irra kan hammeessan tahuu irraa; Hundee rakkoo biyyattii keessatti ifatti mul’atuuf furmaata buqqaasaa argamsiisuu irra haguuguun rakkoon kan hin jirre fakkeessanii bira dabruu ykn jijjiirraa kabeebsaan furuu kan barbaadan tahuun amala waan taheef; Ummatoota humnaan bitaa jiran dhaggeeffatuu diduun yaadaa fi gaaffii kaasan yakkatti fudhatuun callisiisuu fi ukkaamsuu kan aadeffatan tahuu irraa; Akeekni bu’uraa mootummoota Itoophiyaa hanga ammaatti mul’atanii, garajabinaan hacuuccaa fi saamicha ija dunuunfataa tahuu irraa; Bittootni Itoophiyaa hundinuu hariiroo fi walitti dhufeenyi ummatoota gidduu kan mirga ummatootaa kabaju, mirga ilma namaaf kabajaa kennuu fi wal qixxummaa irratti hundaa’e akka hin taaneef, hariiroon ummatoota Itoophiyaa gidduu kan sodaa fi amantaa wal irratti dhabuu taasisuun addaan qoodanii bituu akka imaammataatti waan itti fayyadamaniif;

Ibsa ABO 22-02-2016.pdf

OLF Press Release 22-02-2016.pdf

የኦነግ መግለጫ 22-02-2016.pdf

1 thought on “Ajjeechaa fi Hidhaan Gara Jabinaa Mootummaa Wayyaanee Marraa kana Kufaatii Irraa hin Oolchu.

  1. ABO waan jeedhamu kuni Ibsa baasu duuwaa akka hojiiti fudhatee yeerroo hundumaa achii ittini asba’uussa baayee
    nama gadisisaa Ibsi keesan kunni hoomaa hinfayadu kaanaa manaati uutuu dhiifitan teesani waayyaa uumaatti oromo wanta Ibsa kana caalu issinirraa eegataa turree amma garuu kana bira daribnee deemmeera Ibsa baasuu yoo dhiifita namiini Issin komatu hinjiru. Karaa issaa kaannaa ollaa keessan ilala irraa baardhaa maalloo ibsa baasun hojiimitti.

Leave a reply to Alemu Cancel reply